ONM-ABO Sadaasa 15, 2025
Naannoo Beenishaangul-Gumuz godina Asoosaa, magaalaadhuma Asoosaa keessatti sabaa fi sablammoota impaayerattii keessaa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun dargaggoota jumlaan ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa jiraachuu jiraattonni sodaa nageenyaaf maqaan isaanii akka hin caqafamne barbaadan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru
Dargaggoota ukkaamfaman kanneen eessa akka geessanii fi maal keessa akka jiranis hin bariin jirra kan jedhan jiraattonni magaalichaa, dargaggoota ukkaamsan kanneenis daandii gubbaarratti, bakka albuudni warqee baafamu, mana puulii, mana Bunaa fi manuma jireenya isaaniitii waraana murna maafiyaa PPn qabamuun ukkaamfamanii akka fuudhataman itti dabaluun addeessanii jiru
Waraanni impaayera bututaa suphuuf ifaajan, ergamtoonni kaayyoof akeeka malee bobba’uun impaayerattii keessatti ilmaan Oromoorratti daba daangaa darbe raawwataa jiran, gocha isaanii ciigaasisaa fi fokkisaa akkasumas safuu fi duudhaa saba guddaa bakka hin buune daran jabeessuun, tibbana ammoo naannoo Oromiyaan alattillee ilmaan Oromoo qofa addaan baasuun gidirsaa kan jiran ta’uutu mul’ata
Goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo ukkaamsuun mana dararaa isaaniitti darbachuu, ukkaamsuutiin mooraa waraanaa impaayerattiitti guuruu, jumlaan ajjeesuu, maatii qabsaa’otaati jechuun mana irratti gubuu, qe’ee fi qabeenya isaanii irraa shiraan buqqisuun, sabni guddaan rakkina hin beekne akka rakkatu taasisaa jiraachuun murna kanaaf kan aadaa ta’eedha.

