ONM-ABO Sadaasa 17, 2025
Naamusa maleeyyiin lubbuu ilma namaa akka baala mukaatti harcaasaa oolan loltootni impaayerattii Sadaasa 15, 2025 aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Majaa Shanan iddoo addaa Waddeessa jedhamtu keessatti nama maqaan isaa Shaamaashaa Shaalee Jiloo jedhamu mana isaa keessaa fuudhuun osoo gaaffii tokko hin gaafatin rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namni kun abbaa ilma tokkoo yoo ta’u jireenya isaa fooyyeeffachuuf jecha hojiilee garaa garaa hojjachuun kan maatii isaa jiraachisu ta’uu fi hawaasa isaa keessatti ilaalcha bareedaa qabaachuun namoota hedduu biratti jaallatamaa kan ta’e, akkasumas yakka isa ajjeesisu tokkos osoo hin dalagin loltoota sirnichaan ajjeefamuu jiraattonni ibsaniiru.
Haalli yeroo garaa garaatti gandicha keessatti irra deddeebiin mul’atu kan abdii nama kutachiisu ta’uu jiraattotni eeruun, reebicha, hidhaa, saamicha, qe’ee irraa buqqa’uu fi ajjeechaan daran waan hammaateef namoonni gandicha keessa jiraachuu jibbuun baqataa akka jiran jiraattotni tti dabaluun himaniiru.

