Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti waraana goolessaa sirnichaan dargaggeessi tokko ajjeefame

ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024 

Dachee Oromiyaa keessatti baddaa hanga gammoojjiitti murni maqaa Oromoo dha’achuun aangoo impaayerattii irra jiru PP’n loltoota hedduumminaan bobbaasuun guyyuu dhiiga namoota nagaa dhangalaasuu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan Onkolooleessa 4, 2024 aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Lashee keessatti nama maqaan isaa Abdallaa Abee Galatoo jedhamu mana isaatii baasanii mana hidhaa keessa tursiisuun Onkoloolessa 9, 2024 mana hidhaa irraa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuun beekamee jira.

Namni ajjeefame kun nama nagaa yoo ta’u maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabda jedhuun akka ajjeefame ibsuun, qabatamaan namni kun hidhata WBO akka hin qabnee fi hawaasa isaa keessatti nama jaallatamaa fi kabaja qabu akka ta’e jiraattotni dubbatan. 

Gochaa isaa malee ajjeefamuu nama kanaatiif uummanni gandichaa gaddi guddaan akka itti dhagaa’ame dubbachuun, gandicha keessatti namoota hawaasni jaallatu irra deddeebiin hawaasa keessaa filanii ajjeesaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version