ONM-ABO Sadaasa 25, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda 02 keessatti nagaa eegsifna maqaa jedhuun bobbaafamanii, nageenya uummataa kanneen booressaa jiran ergamtoonni garee Bilxiginnaa saamicha mul’ataa raawwachaa jiraachuu jiraattonni naannichaa himan.
Saamichi murna kanaan raawwatamu isa duraa irra gad-guddachuun filannoo jireenyaa dhabnee jirra kan jedhan jiraattonni, ooyruu namaa keessa seenuun dadhabbii namootaa qisaasessaa jiru, tibbuma kana nama maqaan isaa Daani’eel jedhamu jalaa Jimaa inni ooyiruu isaa keessa dhaabbachuun waggoottan hedduuf gurguree jireenya isaa ittiin geggeeffataa ture aangoo mataa isaaniitiin jalaa mancaasanii deemuu dubbatu.
Gabroomfattoota darban irraa akkaataa bulchiinsa badaa dhaaluun gochawwan sirrii hin taaneen uummata kanneen dararaa jiran waraanni Abiy Ahimed aanaa Gullisoo keessatti saamicha daangaa darbe uummata Oromoo irraan ga’aa akka jiran jiraattonni dabaluun eeranii jiru.
Saamichi, gubaatiin manneenii fi qabeenya uummataa, ajjeechaan, jumlaan mana dararaa impaayerattiitti yakka malee uummata Oromoo hidhuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti PPn itti fufee akka jiru ni beekama.

