Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Baddallee aanaa Daaboo Haannaa keessatti waraanni Bilxigginnaa manneen uummataa hedduu gubee barbaddeessaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 6, 2025 

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifabaas Coree keessatti waraanni faashistiin Bilxigginna gaafa Muddee 5, 2025 manneen uummata nagaa hedduu ibiddaan gubaa jiraachuu fi hawaasani naannichaas gocha suukanneessaa kanatti hedduu rifachuu maddeen keenya bakkicha ONM’tti himan.

Akka jiraattonni bakkicha jedhanitti araddaa Qawwoo jedhamtu qofa  irraa manneen jireenyaa uummataa saglii ol gubuu fi hanga yeroo oduun kun qindaa’eetti itti fufanii gubaa jiraachuus addeessaniru. Waraanni gara jabeessi kun uummata irraa dhalatan irratti gocha akkasii raawwachuun abdii jireenyaa nama dhabsiisa jechuun eeraniru.

Godinichatti rakkoowwan garaagaraa kanneen akka ajjeechaa,hidhaa, gubaatiin manneenii fi buqqaatiin hawaasa nagaa daran hammaachaa jiraachuun kan mul’atu yoo ta’u, baatii darbe keessas godinichuma aanaa Noophaa ganda Cabal jedhamu irraa manneen qonnaan bultootaa 100 ol ta’u gubuu fi buqqisanii godaansisanii turaniiru.

Murni Bilxigginna maqaa mootummaa Oromoo jechuun of waamu gochawwan suukanneessoo fi yakkaa uummata Oromoo irratti guyyaadhaa gara guyyaatti jabeesse itti fufuun gochaa miidhama baroota darban caalu raawwachaa akka jiru a ni beekama. 

Exit mobile version