Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa fi Daaboo Haannaa keessatti dargaggoota irraa bilbila harkaa funaanaa fi nyaata nuu fidaa jechuun waraanni murna bilxiginnaa dararaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Hagayya 21, 2023

Impaayera Itoopiyaa keessatti mirgi ilma namaa hanga bineesota bosonaa kabaja dhabuun waggootan shanan Abiy Ahimed  irra jiru kanatti  waraanni isaa Oromiyaa keessatti yakkoota ija addunyaa biratti suukkaneessaa ta’e raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan ji’a Hagayyaa kana keessa Waraanni pp godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Biiftuu Ayyaanaa fi ganda Tarkaanfaa bakka buufata Torbaffaa jedhamuun beekamu keessa buufatee jiru uummataan dabaree dabareen akka afoosha keessanitti nyaata nuuf fidaa kanaan achi miidhaatu isin irra ga’a jechuun doorsisanii irraa nyaataa  jiru.

Bakka dinagdeen uummatichaa laamsha’ee qaala’Iinsi jireenyaa uummata dararaa jirutti warreen miindaa fi galaan qaama ani mootummaadha ofiin jedhu irraa kennamuufitti uummata irraa humnaan nyaatni fuudhamaa jiraachuu isaa maddeen himuun, waraanni kun dargaggoota irraa ammoo bilbila isaan itti gargaaraman harkaa funaanuun isin waraana bilisummaa Oromoof odeessa laattu maqaa jedhuun miidhaa irraan ga’aa jiru.

Oduma wal fakkaatuun aanaa Daaboo Haannaa gandoota baadiyyaa keessatti waraanni faashistii PP sochii gochuun yeroo magaalaa dhuftan odeessa nuuf hin kennitan jechuun namoota hedduu baadiyaa irraa qabanii hidhanii jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version