ONM-ABO Fulbaana 30, 2023
Gareen saamichaaf wal ijaare bilxiginnaan Oromiyaa guutuu keessatti labsii saamichaa fi ajjeechaa jabeessaa Kan jiruu fi yeroo ammaas bakka deeman hundaatti hawaasa waltajjii baasuun qarshii deggersa waraana raayyaa ittisa impaayerattii fi milishaa sirnichaaf jechuun namoota dararaa jiru.
Haaluma kanaan fulbaana 28, 2023 godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Boolee keessatti walakkeessa halkanii naannoo sa’a 3:00tti namoota Manaa yaasuun waltajjii teessisuun qarshii 200 tokko tokkoon namootaa irraa fuudhuun namni qarshii of harkaa hin qabne galuu hin dandeessan jechuun hidhaatti naqaa jiru.
Dabalataanis ganduma Boolee keessatti namoota hidhuu, reebuu Fi saamuunis cimee itti fufuun nama maqaan isaa Usmaa’eel Mohammed jedhamu WBO waliin hidhata qabdaan Mana hidhaa aanaa Cawwaaqaatti dabarsanii qarshii 1000 fidi jechuun Kan gaafatanii fi dabalataanis Mohammed Jamaal, Jawaadee Hamaddiin, Shaamil Hamaddiin, Naasir Abraahiim, Abdurhamaan Nuuree fi Mohammed Abraahiim Kan Jedhamanis hidhanii maallaqa fidaa jechuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

