Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti milishootnii fi kaadirootni pp dararaa hammeessuun ifoome

ONM-ABO Fulbaana

12, 2023 Murni naasuu hawaasa Oromoof hin qabne bilxiginnaan dararaa jabeessuun bakka caasaaleen isaanii jiru hundaatti hawaasa Oromoo cabsuuf tarsiimoo badaa baasuun uummaticha irraan dhiibbaa ga’aa jiraachuun ni beekama.

Fulbaana 10, 2023 godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Boolee keessatti milishootnii fi  kaadirootni sodaa Waraana Bilisummaa Oromoof magaalaa Cawwaaqaatti galuun jiraatan, yoo isin Qeerroo Bilisummaa Oromoo tokko qabuun dhiyeessitan Mana balbala lama ykn qarshii 100,000 isiniif laanna jechuun labsii baasanii uummata baadiyyaa ittiin dararaa jiru.

Qaanoleen kunneen, manneen hawaasaa irra deemuun Mana nuti keessaa deemne maaf balleesitan jechuun, hawaasa naannoo erga yaasaniin booda namoota rifeensi isaanii gurguddaa ta’e irraa ciruun gariin ammoo Mana keenya qulqulleessaa jechuun bobbaa horii fi daa’immanii harkaan guursisaa akka turan Madden Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version