ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023
Murni hiddi isaa nyaatame dhume bilxiginnaan Kufaatii hamaa fuula isaa dura jiru irraa bayyaannachuuf jecha daran boolla gadi fagootti kufaa Kan jiru yoo ta’u, hawaasa impaayera Itoophiyaa keessatti argaman keessaa uummata Oromoo qofa irratti xiyyeeffatee badiidhaaf saaxilaa jira.
Akkuma kanaanis Onkoloolessa 29, 2023 godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa araddaa Gabbinaa ganda Gumbii jedhamutti kaadirootni PP milishoota isaanii waliin hawaasa walitti erga qabaniin booda, doorsisa isin fixna, seelii diina of keessaa baasaa jechuun wal-tajjii kan eegalanii fi gargaarsa daa’immaniif oolchina kanaaf sa’a kana irraa eegaltanii namni Kam qarshii 200 midhaan kiilogiraamii 20 waliin akka gumaachitan jechuun irraa guuraa turuun beekame.
Sagantaa badii kana aanaa irraa fudhatee dhaquun adda durummaan raawwachiisaa Kan jiru abbaa araddaa Kan maqaan isaa Daakaa jedhamuu fi abbootii zoonii Mohaammed Bakarii fi Jamaal Hasan jedhaman of fuuldura buusuun maatii hiyyeessotaa hiraarsa akka jiran maddeen himuun, kaayyoon maallaqa fi midhaan kana guuraniif garuu daa’immaniif osoo hin taane dhuunfaa isaaniif olfatanii jireenya isaanii ittiin geggeeffachuu akka ta’es dabaluun ibsaniiru.

