Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee kesaatti waraanni Bilxiginnaa qabeenya uummataa ibiddaan gubuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 7, 2025 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Basii Biliidaa iddoo addaa Allaboo jedhamun beekamutti Muddee 6, 2025 waraanni Bilxiginnaa maqaa sakatta’insa WBO jedhuun magaalaa Abeebee keessaa gara gandichaatti bobba’uun namoota hedduu jalaa meeshaalee mana keessaa kanneen fedha isaanii ta’e saamuun kan immoo ibiddaan jalaa gubanii mancaasuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoota qabeenyaan isaanii loltoota gara jabeeyyii kanneeniin jalaa saamamee fi gubate keessaa kan maqaa arganne Obbo Shawuu Maaruu jalaa gaarii harree golollee isaa irraa baafachuun mukkeen gaarii harree immoo ibiddaan jalaa gubaniiru.

Waraanni Bilxiginnaa kun gandichatti irraa deddeebiin dararaa hamaa raawwataniin Obbo Shawuu Maaruu irratti marsaa 4 saamichaa fi gubaatii manaa raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Ergama abbaa irree koloneel Abiy Ahimed hojii irra oolchuuf jecha uummata harka duwwaatti roorrisuun amalaa fi bartee isaanii kan ta’e lukkeeleen Bilxiginnaa wantoota uummanni quba hin qabne itti maxxansuun saamicha maallaqaatii hanga ajjeechaa lubbuutti raawwachaa jiru.

Exit mobile version