ONM-ABO Muddee 31, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Kuraa Lukkuu fi Basii Abukeekkuu jedhaman keessatti guuyyoota 2 walitti aansuun Muddee 29 fi 30, 2025 waraanni garboomfataa Bilxiginnaa loon uummataa hedduu saamuu jiraattotni gandoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota saamichi irratti raawwatame keessaa muraasni maqaa arganne ganda Kuraa Lukkuu iddoo addaa Abbaadhoo jedhamun beekamutti gaafa Muddee 30, 2025:
- Obbo Dirirrsaa Galaanaa maanguddoo ganna 80 jalaa loon 15 saamuun jiraattuudhuma gandichaa
- Aadde Qabbannaa kabbadaa haadha ijoollee abbaa malee guddisaa jirtuu jalaa loon 5 kan ooffatan yoo ta’u,
- Obboo Tashoomaa Diriirsaa jalaa immoo loowwan 12,
- Obboo Nagaashuu Hordofaa jalaas farda yaabbi tokko fudhataniiru
Namoonni qabeenya isaanii goolessitoota sirnichaan saamaman kunneen namoota hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamuu keessatti hin argamne ta’u fi sababa Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun qabeenya umrii guutuu itti dadhabanii horsiifatan dhabuun egeree jireenya isaaniif wabii dhabanii yaaddoo guddaa keessa galanii jiraachuun ibsameera.
Aanichuma ganda Basii Abukekkuu jedhamu keessattis Muddee 29, 2025 nama maqaan isaa Obbo Koraa Dhaabaa jedhamu jalaas sangoota 3 fudhachuun namoota hedduu irrattis reebicha ulfaataa raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni gandichaa taatee kana itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf adeessanitti namni maqaan isaa Obbo Katamaa Caakkaa jedhamu abbaa afooshaa gandichaa ta’uun erga tajaajilaa turee maallaqa afoosha hunda saamuun gara waraana badii Bilxiginnaatti galuun uummata gandichaa cufa deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti ittiin jechuun qabeenya isaanii saamsisaa jiraachuu jiraattonni itti dabaluun ifoomsaniiru.
Mooraan waraanaa Bilxiginnaa da’oo saamtotaa ta’uun namoonni hedduun qabeenya uummataa erga saamanii booda uummata nagaa maq-balleessii deggarsa WBO qabu jedhu itti maxxansuun karaa lafa jalatiin dantaa dhuunfaa isaaniif iddoo guddaa kennuun hojjechaa jiru.

