ONM-ABO Ebla 6, 2025
Ebla 4, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Dhokaas jedhamu keessatti waraanni faashistii PP daa’ima ganna 14 kan ta’e Addunyaa Jiidhaa kan jedhamu qabuun dhabamsiisuun ibsame.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti daa’imni loltoota PP’n ukkaamfame kun haalli nageenya isaa fi rakkoo maalii keessa akka jirus kan hin beekamne yoo ta’u, dabalataanis loltootni PP kunneen guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:
- Jambalayaa Shorganaa fi
- Jiidhaa Waamii
jedhaman jalaa ammoo horii saamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni kun jedhanitti daa’ima dhabamsiisan kana karaa irraa qabuun lafti isaan geessan kan hin beekamnee fi Obbo Jambalayaa Shorganaa jalaa horii 4, akkasumas Obbo Jiidhaa Waamii jalaa ammoo horii 2 ooffachuun ibsameera.
Nageenya impaayerattii mirkaneessuun samii fi dachee itti ta’ee kan jiru murni Bilxiginnaa murtii seeraa malee kan barbaadan hidhanii kaan ajjeesuu mirga lammiilee ukkaamsuun dhiitanii bulchuufis daba adda addaa raawwachaa jiran jabeessanii itti fufaniiru.

