ONM-ABO Ebla 10, 2025
Aanaa Tolee magaalaa Baantuu ganda 01 irraa Bitootessa 25 fi 28, 2025 loltoonni faashistii PP namoota maqaan isaanii:
- Aadde Taaddaluu Yaadasaa fi
- Abboomaa Yaadasaa
jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Hidhamtoonni siyaasaa kunneen hanga gabaasni kun qindaa’etti mana murtiitti kan hin dhiyaatin jiran oggaa ta’u, rakkooleen waraana faashistii PP’n onicha keessatti adeemaa jirus hidhaan cinatti saamicha, gubaatii manneenii fi namoota nagaa butuun dhabamsiisuun hammaatee akka jirus jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Ilmaan Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti bara dhufaa darbaan sababa dhiiga Oromummaa isaanii qofaaf jibbamuun akka bineensa bosonatti adamsamanii achi buutee dhabamsiifamaa, hidhamaa akkasumas ajjeefamaa jiru.

