ONM-ABO Muddee 16, 2025
Godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo Ganda baadiyyaa Dhaayee Goorgisii magaalaa Jimaataa jedhamu keessatti gaafa Muddee 13, 2025 waraanni fashitii Bilxiginnaa gaaffii tokko malee dargaggoo maqaan isaa Roobaa Asaffaa jedhamu reebicha hamaa erga irratti gaggeessanii booda rasaasaan rukutanii ajjeessuun himame.
Dargaggoo Roobaan nama jaalala fi kabajaa dhala namaaf qabu yoo ta’u, haadha fi abbaa isaa gargaaraa maatii isaa waliin kan jiraatuu fi nama tuttuqaa siyaasaa kam irraayyuu bilisaa ta’uun ibsameera.
Akka gabaasni nu dhaqqabe ibsutti dargaggoon kun hojii dhuunfaa isaa kan qabuu fi dukkaana daldaluun kan jiraatu yoo ta’u, guyyaa ajjeefame kanas meeshaalee dukkaanichaa bitachuuf gara magaalaa deemnaan gaaffiin gaafatan tokko utuu hin jiraatin akkanumaan lubbuu isaa kan galaafatan ta’uu fi erga du’ee boodas reeffa maatii fi firoonni akka hin fudhanne dhorkanii turaniiru.
Hawaasni Oromoo qe’ee isaa irratti ajjeeffamu, samaamuu fi hidhaa keessummeessa kan jiru yoo ta’u, ammatti hireen isaa qabsoo haqaa ABO WBO waliin hiriiruun gabrummaatti xumura gochuun nagaa waaraa argachuu akka qabu uummatni waliif dhaamaa jira.

