Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Oromiyaa Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaatti loltuun PP farra riphee lolaa ofiin jedhu daa’imaa tokko irratti gudeeddaa raawwachuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 16, 2025 

Godina Gujii Lixaa aanaa Dugda Daawwaa ganda Heemma Kinshoo keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa farra riphee lolaa ofiin jedhu gocha rifaasisaa dhaggeettii gurraaf yaaddoo ta’ee daa’imaa ganna 12 maqaan ishee Nageellee Dambalaa Caaccoo jedhamtu irratti gudeeddaa raawwachuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka jiraattoonni jedhanitti , shammarreen gudeeddaan irratti raawwatame kun miidhaan jabaan irra gahuun wayita ammaa hospitaala magaalaa Bulee Horaatti yaalamaa jiraachuu fi haallii fayyuummaa ishee akkaan yaaddeessaa ta’uu dubbatu.

Godinichatti gochi kun isa jalqabaa kan hin taanee yoo ta’u, waraanni faashistii Bilxiginnaa naamusaa fi safuu hawaasaa hin kabajne kunneen irra deddeebiin gochawwan suukkaneessoo raawwachaa kan oolan fi jiraattoonni naannichaa yaaddoo hamaa keessa jiraachuun qaama itti iyyatanis dhabanii jiraachuu  ifoomsaniiru.

Gabaasaaleen idil-addunyaa fi Itoophiyaa keessaa hedduun bara 2025 maxxanfaman taateewwan gudeeddii fi jeequmsa saalaa miseensota Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa (ENDF) naannoo Oromiyaa fi Amaaraa  keessatti raawwataman jedhaman galmeessanii jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version