Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa Aanaalee garaagaraa keessatti hawaasni naannoo bosonaa fi gaarreenii jiran kaabinoota PP’n akka buqqa’an taasisafamaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Muddee 22, 2025 

Hawaasa Oromoo dararuu fi buqqisuu akka bu’aa siyaasaatti itti fayyadamaa kan jiru murni Bilxiginnaa godina Baalee Lixaa Aanalee garaagaraa keessatti hawaasa jiraattota naannoo bosonaa fi gaarrenii jiraatan irratti xiyyeeffachuun lafa sana gad dhiisanii gara magaalaa fi naannoo uummatni itti hedduummaatu akka qubatan taasifamaa jiraachuu jiraattonni dhiibbaan kun irraa ga’aa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaati himaniiru.

Akkuma kanaan jiraattonni dhibbaan lakkaa’aman kanneen miidhaan kun irratti geggeeffamaa jiru akka ibsanitti erga qe’ee keenya irraa akka buqqaanu gochuu eegalanii bubbuleera, hawaasni keenyas lafa deemnu hin qabnu jechuun qajeelfama PP kana mormaniiru, akkasumas waltajjii godinaa hanga sadarkaa gandaatti taasifamaa tureen uummatnis didee akka jiru ibsaniru.

Sababa uummata buqqisuu barbaadaniif gaaffii garaagaraa hawaasni gaafachaa tureenis akkas jechuun akka deebisaa turan dubbaatu, “diinonni keenya WBO’n nu marsanii jiru, kanaaf ammoo qonnaan bultoonni keenya faffaca’anii jiran bakka adda addaatti walitti qabamanii diina kana dura dhaabbachuun Bilxiginnaa fi caasaalee keenya waliin dhaabbachuu qabu” jechuun deebisaa turan jechuunis jiraattonni ibsaniiru.

Qajeelfama PP kana uummanni sababa hojii irra oolchuu didaniif namoota yaada mormii agarsiisaa turan, akkasumas namoota shakkii siyaasa irraa qaban irratti xiyyeeffachuun isintu uummata nurratti kakaasaa jira jechuun doorsisaa fi dhiibbaa irraan ga’aa akka jiranis jiraattonni dabaluun  addeessaaniru.

Exit mobile version