ONM-ABO Muddee 24, 2025
Mooraan dabaa fi xaxaan ijaarame rommee teessoo garboomfataa PP raasaa kan jiru tibbana loltoonni murna Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessaa sirna balfamaaf hin tajaajillu jechuun gadhiisanii badaa jiraachuu hordofee keessoo sirna Bilxiginnaatti yaaddoo ulfaataa uumaa akka jiru odeessi miliqee bahe addeesse.
Akka maddeen waraanaa mooraa Bilxiginnaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodan ibsanitti, loltoonni garboomfataa PP kanneen raayyaa ittisa impaayerattii tahuun tajaajilan, humna farra riphe lolaa jechuun kan of waaman, Poolisii Federaa fi idilee dabalatee milishoonni dhibbootaan lakkaa’aman badaa akka jiran dubbata.
Gareen waraanaa duratti amanamummaan sirna Bilxiginnaa tajaajilaa turan kunneenis hammeenyummaa fi gara jabina kaadiroota murna Bilxiginnaa akkasumas loltoonni uummata nagaa irratti godhan daranuu akka nuti hin ergamneef nu taasise kan jedhan, uummatni dabaa waraana PPn waan hoomaa hin goonen qe’ee qabeenya isaa irratti dhiitamee, gorraa’amee ajjeefamaa fi sarbama mirga namoomaa hammaataa jalatti kufee jiraachuun akka nuti keessaa baanu nu taasises jedhu.
Gara fuulduraattis mooraan dabaan dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasuuf ijaarame akka diigamu kan akeekan loltoonni murna Bilxiginnaaf duratti tajaajilaa turan kunneenis, gareen faashistii PP’s loltoonni mooraa Bilxiginnaa gadhiisanii badaa jiraachuunia daran isaan yaaddeessaa akka jirua odeessaaleen bahaa jiran ni ifoomsu.

