Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti kaadiroonni fi waraanni murna Bilxiginnaa saamicha maqaa gibiraan raawwatan jabeessuun barame

ONM-ABO Muddee 26, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota baadiyaa jiran keessatti kaadiroonni fi waraanni murna Bilxiginnaa wal ta’uun hawaasa dirqamaan wal-ga’ii baasuun tooftaa saamichaa maqaa gibiraan taasisan irratti jabeessuu jiraattonni gandoota baadiyyaa kanneenii Arraata Biyyoolessa oromiyaaf ibsaniiru. 

Murtee isaanii kananis namni tokko gibira lafaa qarshii 14,060 kaffaluu akka qabu fi namni qarshii jedhame kana hin kaffalle akka hidhamu akkasumas gatii dadhabbii ykn kottee waraana keenyaa immoo qarshii 5,000 adabama jechuun hawaasa doorsisaa akka jiranis jiraattonni dubbatu.

Ittuma dabaluun waraanni daashistii PP kun maatii qabsa’ootaa irratti xiyyeeffachuun ilmaa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun mana hidhaatti guuraa kan jiran oggaa ta’u, kanneen hidhaa jiranis hidhaa irraa baasuuf qarshii hedduu gaafachaa akka jiran ibsameera.

Akkasumas hawaasa nagaa jireenya isa malee tuttuqqaa siyaasaa kamirraa bilisa ta’ee maqaa hidhata WBO qabdu fi soraata kennituuf jedhuun jumlaan mana hidhaatti guuruun dararaa hamaa irraatti raawwachaa akka jiran dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version