Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti waraanni murna Bilxiginnaa dargaagoota dirqamaan ukkaamsuun mooraa leenjii waraanaatti erguu jabeessee itti fufuun ibsame

ONM-ABO Muddee 30, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Suddii keessatti Muddee 28, 2025 waraanni faashistii PP dargaggoota jiruu fi jireenya isaanii injifachuuf karoora baafatanii karaa deemuuf konkolaataa eeggachaa jiran fi dargaggoota jiraataa gandichaa magaalaa Suddii lama maqaan isaanii:

  1. Isiyaaq Toomas fi 
  2. Maammushee Fiqaaduu 

jedhaman itti dabaluun dirqaman qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti ergu jiraattonni bakkicha Arraata Biyyoolessa Oromiyaattti himaniiru.

Akka jiraattonni bakkicha jedhanitti dargaggoonni torban humnaan qabaman kunnen maatii isaanii bira kaan barnootaaf kaan immoo hojiif jecha karaa deemuuf konkolaataa osoo eeggacha jirani gareen aangoo siyaasaa isa humna waraanaan tikfatu dirqaman ukkamsuun waardiyaa barcuma isaa gochuuf akka ta’ee Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Murni PP akkuma sirnoota kanan dura darbanii uummata Oromoo lolee humnaan jilbeenfachisuuf ilmaanuma sabicha kaan faayidaan bituun kaan immoo dirqaman qabun uummaticha irratti bobbasuun tarsiimoo Oromoo Oromoon cabsu jedhu akkuma amalaa isaanii gochuuf yaalaa jiru jechuunis ibsaniiru.

Exit mobile version