Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaalleetti humnoonni faashistii PP qonnaan bulaa tokko ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Amajjii 10, 2026 

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee araddaa Saamaa keessatti gaafa Amajji 7, 2026 ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Arfaasaa Alii Abdallaa jedhamu quunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo qabda ittiin jechuun maqaa sobaa itti maxxansanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni araddichaa dubbisne ONM’f eeraniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti namni ajjeefame kun hirmaannaa siyaasaa keessa kan hin jirre ta’us, yakka lubbuu isaa baasisu osoo hin qabaatiin murni Oromummaa hadheeffatu ilaalcha gadi aantummaa sabichaaf qabu ifatti mul’ifachuun lubbuu isaas akka baasan himu.

Kana malees aanichumatti gochaan walfakkaataan akkasii irra deddeebiin mul’achaa kan jiru oggaa ta’u, uummanni Oromoo salphina gita hin qabne keessatti loltoota Bilxiginnaan kufuun lafee fi dhiigni isaa guyyuu dhangala’aa fi cabaa kan jiru yoo ta’u, rakkoo keessa jiru kanaanis gidiraa argaa akka jiru ni beekama.

Exit mobile version