Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Wayyuu Tuqaa keessatti waraanni faashistii PP gudeeddaa raawwachuun ibsamee

ONM-ABO Amajjii 10, 2026 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Bonayyaa Moloo keessatti gaafa Amajjii 6, 2026 waraanni faashistii PP haadha daa’immanii kan taate nama maqaan ishee Xiyyaaree jedhamtu shiftoonni waraana garboomfataa PP kanneen naamusa hin qabneen dirqiin qabanii gudeeddaa irratti raawwachuun ibsameera.

Gareen badii safuu fi duudhaa uummata Oromoo fi kabaja hin qabne shammarranii fi haawwan Oromoo bakkuma arganitti gudeeduun miidhaa qaamaaf saaxilaa jiran kunneenis haadha kana aanaa Waayyuu Tuqaatti erga miidhaa irraan gahaniis akka isheen hin dubbanneef doorsisaa turuun ibsameera.

Gochaan kana fakkaatu haawwan danuu irratti guyyuu raawwachaa kan jiru oggaa ta’u, maatiin miidhaa isaan irra gahaa jiruuf qaama itti himatan dhabuun jireenya gadadoof saaxilamanii akka jiranis dubbatu.

Kana malees sodaachisni abbootii warraa isaanii irra gahaa kan jiru oggaa ta’u, namnuu ilmaan isaa mana barnootaa ergachuu, gabaatti ergachuu fi bakkaa bakkatti bobbaasuuf yaaddoo keessa akka jiranis ifoomsaniiru.

Exit mobile version