ONM-ABO Amajjii 13, 2026
Godina Matakkal aanaalee garagaraa keessatti waraanni faashistii PP yakkoota waraanaa fi gochawwan farra namoomaa hedduu hawaasa nagaa irratti raawwachuutti dabaluun uummata jumlaan qe’ee irraa buqqisanii saamicha lafaa bifa addaan geggeessaa jiraachuun ibsameera.
Oduuma walfakkaatun godinuma kana aanaa Dibaax ganda Gaalessaa bulchiinsa magaalaa Gaalessaa keessatti Amajjii gaafa 10, 2026 waraanni Bilxigginnaa uummata gabaaf deeman karaarraa qabanii dirqamaan walgahii baasuun uummata doorsisaa, sodaachisaa fi itti dhaadachuun turtii guyyoota kudhan keessatti midhaan keessanii fi horii keessan guurrachuun gara magaalaa kanatti goodanuu qabdu jechuun akeekkachiisa itti dabarsanii turuus jiraattonni himaniiru.
Waraanni naasuu namummaa hin qabne kun daa’imman, shamarranii fi haawwan ulfaa fi harma hoosisan hundumaa dirqamaan qe’ee isaanii irraa godaansisuun beelaa fi hiyyummaa hamaaf saaxiluu, hojiiwwan farra namoomaa fi yakkoota waraanaa irraan gahaa jiru.
Uummanni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti ajjeecha, gudeeddii, saamichaa fi qe’ee irra buqqaasuun jabaatee kan jiru ta’us, addatti immoo hawaasa Oromoo naannoo daangaa Oromiyaa irratti argaman irratti saamicha lafaa wajjiin walqabate qoodinsa guddaan akka jirus himu.

