Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkaal Aanaalee cufatti manneen gubuu, uummata buqqisuu, saamicha geggeessuu fi ajjeechaan raawwatamaa jiraachuun cinattis hiriirri balaaleffannaa WBO dirqiin loltoota PP’n adeemsifamuun ibsameera

ONM-ABO Amajjii 18, 2026 

Godina Matakkal aanaalee adda addaa keessatti waraanni murna faashistii Bilxiginnaa uummata Oromoo irratti miidhaa ulfaataa raawwataa jiraachuu maddeen odeeffannoo naannoo irraa ibsaniiru. 

Gochawwan kunis manneen gubuu, uummata buqqisuu, saamicha akkasumas ajjeechaan yeroo ammaa bal’inaan raawwatamaa jiraachuun himameera.

Akka jiraataan Godina Matakkal, aanaa Dibaax, bulchiinsa magaalaa Gaalessaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsetti, torban kana qofa waraanni Bilxiginnaa manneen hedduu gubuun uummanni magaalaatti akka godaanuuf labsii dabarseera. 

Akkasumas gaafa Amajjii 16, 2026 uummanni magaalaa Gaalessaa hiriira balaaleffannaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti hirmaachuuf dirqisiifamuun ibsameera.

Kana malees oduuu gubaatii manneeniin ammoo ganda Goondoo bakka addaa Sayidoo jedhamutti, gaafa Amajjii 15, 2026 loltoonni Bilxiginnaa manneen torba gubuun, jiraataa tokko kan sochii siyaasaa kamiyyuu keessatti hin hirmaanne, abbaa ijoollee jahaa ta’e ajjeesuun isaanii himameera.

Namni ajjeefame sun: 

  1. Obbo Lamuu Abbabaa abbaa ilmaan 6 yoo ta’u, abbaan isaa 
  2. Obbo Abbabee Lataa waggoota lama dura loltoota PP kanneenumaan  ajjeefamuu jiraattonni ibsaniiru.

Jiraattooota manni jalaa gubate kanneen armaan gadii ta’uu ragaan ni mul’isa:

  1. Alagoo Jokoraa,
  2. Yaadataa Jokoraa,
  3. Abbabaa Dibaabaa,
  4. Balaay Abbabaa,

akkasumas namoota biroo hedduu tahuun ibsameera.

Mannen kunneen gaafa Amajjii 12, 2026 gubachuu isaanii odeeffannoon argame ni mul’isa. Kana malees, gaafa Amajjii 16, 2026 uummanni magaalaa Gaalessaa hiriira dirqii balaaleffannaa WBO’f qophaa’e irratti humnaan hirmaachifamaa turuu jiraattonni magaalaa Gaalessaa ibsaniiru.

Exit mobile version