Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkaal Aanaa Bulan keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa manneen jiraattotaa gubuum barbadeessaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Godina Matakkal aanaa Bulan bulchiinsa magaalaa Gaalessaa bakka addaa Sayidoo jedhamee waamamu keessatti gara jabeeyyiin waraana impaayerattii gaafa Amajji 14, 2025 manneen ilmaan  Oromoo kan saboota kaanii irraa adda baasuun qabeenya guutuu waliin abidda itti shiduun barbadeessaa turuu jiraataan magaalichaa dubbifne tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Haaluma kanaanis namoota manni isaanii jalaa gubate keessaa kan ammaaf maqaan nu ga’e:

  1. Obbo Xilaahuun Qalamuu,
  2. Obbo Balaayi Abbabaa fi 
  3. Obboleessa isaa
  4. Obbo Fiqaaduu Abbabaa yoo ta’an 

kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduunis jiraachuun barameera. 

Akka jiraataan kun himanitti sababni gubachuu manneen ilmaan Oromoo kanaas Waraana Bilisummaa Oromoo soortu kan jedhu akka ta’e himuun, yeroo ammaa kanas namoonni qe’ee fi qabeenyi isaanii hidhattoota maafiyaa Bilxiginnaatiin jalaa barbada’e kunneen waan itti galan dhabanii gara magaalaatti baqachaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees waraanni PP kunneen gaafa Amajji 14, 2026 aanichuma bulchiinsa magaalaa Gaalessaa bakka addaa Sayidoo jedhamu kana keessaa hawaasa nagaa kan ta’e nama maqaan isaa Argataa Abbabaa jedhamu ammoo sababa hariiroo WBO qabda jedhuun badii tokko malee rasaasaan rukutuun haala nama suukanneessuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti Obbo Argataan nama hojii qonnaa irratti bobba’ee jiruu fi jireenya isaa geggeeffatuu fi tuttuqqaa siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, goolessitoonni waraana impaayerattii naannicha keessa socho’an sababoota sobaa garaa garaa maxxansuun yakka tokko malee ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi akkasumas qe’ee fi qabeenya isaanii ibiddaan barbadeessuun godaansisaa jiraachuus himaniiru.

Exit mobile version