Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkal Aanaa Bulanitti waraanni faashistii PP manneen uummataa gubuu fi namoota nagaa achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Godina Matakkal aanaa Bulan ganda Koongoo bakka addaa Sayidoo jedhamutti gaafa Amajjii 14, 2026 murni ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu saamuu fi buqqisuu aadeeffatee jiru Bilxiginnaan, qabeenya uummataa gubuun barbadeessanii miidhaa ulfaataa jiraattota irraan gahuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru. 

Akka jiraattotni himanitti waraannii faashistii PP irra deddeebiin yakkoota garaagaraa raawwachaa turuu kan himan, ammas bifa adda ta’een itti bobba’uun manneen kudhanii ol qabeenya guutuu waliin gubanii jechuun himatu.

Bifuma kanaanis namoonni manneen jalaa gubate keessaa maqaa kan arganne, Obbo Argataa Abbabee oggaa ta’u, isas mana isaa gubuun cinatti harka isaa duubatti hidhuun achi buutee dhabamsiisuun ibsameera.

Kana malees godina Matakkal aanaalee cufa keessatti waraanni faashistii PP uummata nagaatti irra deddeebiin bobbaafamuun yakkoota garaagaraa raawwachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, ammas bifa adda ta’een ajjeecha jumlaan raawwachuun manneen uummataa qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuunis jabaatee jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version