Akka waggaan haaraan jalqabamuun, hundeen aangoo Abiy Ahmed utubaawwan aangoo walqabatoo sadii irratti hirkachuun fiixee kufaatii irra jira. Hundeewwan kunneen daran burkutaa’aa dhufanillee, wixxifannaa aangoo tikfachuuf guyyuu taasisu keessatti qooda qabaachuun isaa akkuma itti fufetti jira.
Utubaan jalqabaa itti gaafatamummaa tokko malee qabeenya biyyaa onsee waraana uummata irratti gaggeessuuf madaala kamiinuu olitti baasii waraanaatti jijjiiruu dha. Hidhannoon waraanaa sirnichaa kan akka malee laafaa ta’e, amma jiraa fakkaatee mul’achuun isaa, qabeenyi ummataa guutummaa guutuutti fi gargaarsi ala irra dhufu hundi fedhii biyyattii fi ummata ishee akkaan barbaachisaa tahe irra oolchuun hafee gara damee waraanaatti dhangala’aa waan jiruuf qofa. Ta’us baasiin daangaa dhabe kunillee buʼaa guddaa hin fidne; lakkoofsa loltootaa qofa dabaluu fi meeshaalee teeknooloojii muraasa argamsiisuu qofa irratti hafe. Lakkoofsi qofti humna bu’a qabeessa hin ta’u. Lakkoofsi namaas ta’ee baay’inni meeshaa; ogummaa waraanaa, hamilee ykn cichoomina bakka bu’uu hin danda’u. Armaan booda teeknooloojiin tooftaa waraanaa sirnicha qofaan dhuunfatames amma humnoota mirgaaf falmataniifis dhaqqabamaa ta’uun isaa dabalaa dhufeera.
Dabalataan, yeroo ammaa kana damee nageenyaa fi waraanaa biyyattii keessatti qoqqoodamiinsi kan durii caalaatti jabaatee deemaa jira. Dameeleen Humna Ittisa Biyyoolessaa Itoophiyaa (ENDF) irra
caalaa keessatti, poolisiin federaalaa, tajaajilli odeeffannoo tikaa fi humnoonni naannoolee keessa jiran hedduun gammachuu hin qaban. Miseensonni nageenyaa baay’een akkaataa qoodinsi qabeenyaa sadarkaa olii hamma gadiitti itti loogiidhaan bifa walqixxummaa hin qabneen qoodamuu irraa fi kallattii siyaasaa Abiy Ahmed biyyittii itti oofaa jiru irraa abdii kutannaan, kaka’umsa dhabuun, akkasumas walshakkiin heddumminaan mul’achaa jira. Kanaaf, humnoonni nageenyaa hedduun isaanii kaka’umsa dhabuu fi wal shakkii, fi akkasumas hojii isaanii irratti amantii kan hin qabne tahuun heddumminaan mul’achaa jira.
Humnoota nageenyaa kana keessaa gareen tokko hanga ammaattuu, akka meeshaa doorsisaa siyaasaatti hojjechuu itti fufaniiru. Waggaa darbe kana guutuutti, yaada mormii itti fakkaate ukkaamsuuf, uummata ittiin sodaachisuuf akkasumas fi sirnicha mootummaa humna jabaa qabu
fakkeessuuf bobbaafamaa bahuun ni beekama. Haata’u malee, murni xiqqoon Humni Ittisa Biyyoolessaa Itoophiyaa keessa jiran kan murna aango irra jiru deeggara jedhamu kun; kasaaraa dirree waraanaatti irra gaheen, jumlaan baqachuu akkasumas hamilee kufaa dhufuu irraa kan ka’e suuta suutaan diigamaa jira. Sirnichi ammallee waraana jalaa haphate guuttachuuf duula dirqiidhaan ijoollee waraanatti naquu, sochii qacarrii waraanaa hatattamaa, hidhattoota/ milishoota adda addaa lola bakka bu’ummaa isaaf godhan uumuu fi gareewwan seer-dhablee sirnaan hin ijaaramnetti dhimma bahaa as gahe. Gabaabumatti, humna isaa bakka hedduutti yeroo tokkotti bobbaasuun; dadhabina guddaa akka qabu, hanqinni dhiyeessii meeshaa bal’aan akka mudatee fi tarsimoo waaltawaa kan hin qabne tahuu ifatti saaxileera. Duulli Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) waggaa darbe keessatti humnoota kana waliin taasise kanaaf ragaa ifaa dha.
Cuunfaawwaan Lolaa Waaraanni Keenya Humnoota Abiy Waliin Bara 2025 Keessa Taasise
Daangaa Teessuma Lafaa fi Yerootiin
Zoonii Dhiha: Dhihaa fi Godinaalee Wallaggaatti: Kaampii waraana sirnichaa irratti irra deddeebiin weeraruu, daandii dhiyeessii sirnichaa dhorkuu, fi murnoota Humna/Raayyaa Ittisa Biyyoolessaa Itoophiyaa (HIBI/RIBI – ENDF) fi humnoota milishaa haleeluu;
Zoonii Giddugaleessa: Godinaalee Shaggar/Shawaa (Salaale, Shaggar Dhihaa, Shaggar Kibba Dhiha, Naannessaa Finfinnee ykn Magaalaa Shaggar) keessatti; yeroo baayyee naannoo koridooriiwwan dhiyeessii loojistikii ijoo fi bakkota magaalaa guddootti dhihoo ta’anitti sakatta’aa/bobba’iinsa taasisu;
Zoonii Bahaa fi Kibbaa: Godinaalee Arsii, Harargee, Gujii, Booranaa, Wolloo, Matakkal,
Beenishaangul: Duula bal’aa itti fufiinsaan godhameen, falmaan keenya ka diddaa gabrumma teessuma lafaatiinis bal’atee, humni sirnicha bittinnaa’ee lola adda tokkichaa kamiyyuu laaffisuuf akka humna dhabu taasisee agarsiiseera.
Duula Cichoomina Kaayyoo (Kurm.1 2025): Haleellaan guutuu biyyattiitti sirnicha irratti taasifamu gara haleellaa qindoomina qabuu fi kan fuula heddutti ce’e ta’u kan agarsiise.
Duula Adda Kumaa (Ebla 2025): Duula guyyoota 10f aanaalee 50 keessatti, duula bal’aa yeroo walfakkaataa keessatti bakkoota fagoo dhaqqabe taasifameera.
Duula Itti Fufaa (Kurm.2-Kurm.4 2025): Duula adda addaa kan addaan hin cinnee fi saffisa ol’aanaa qaban, kan xiyyeeffannoon duulota kanaa caasaalee ajaja diinaa haleeluu, daandiiwwan dhiyeessii dhorkuu fi gochoota qaxarrii waraanaa fashalsuu ta’e, Godinaalee Oromiyaa hunda keessatti fi bakkoota birootti taasisnee jirra.
Injifannoowwan Keenya Amajjii- Muddee 2025:
Kasaaraa Waraana Sirnichaa: Gadi qabnee xinneessine yoo ibsine, dimshaashatti duula gurguddaa taasifame qofaan loltoonni sirnichaa lammiilee dararuuf akkasumas gufuu qabsoo tahuun bobbaafaman, 7,500 ol tarkaanfii irratti fudhatameen ajjeefamaniiru, 8,000 ol kan ta’an ammoo madoo ta’aniiru.
Meeshaa Qabsoof Galii Tahe: Meeshaawwan waraanaa xixiqqaa kumaatamaan lakkaa’aman, meeshaa waraanaa gareedhaan qabataman kan dhibbootaan lakkaa’aman (PKM, DShK, qawwee isnaayiparaa) fi kuufama rasaasaa bal’aa qabamee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii ta’eera.
Injifannoowwan Biroo: Hidhamtoonni siyaasaa dhibbootaan lakkaa’aman tarkaanfii sakatta’iinsaa manneen hidhaarratti godhameen bilisa ba’aniiru, sararri dhiyeessii diinaa akkaan barbaachisaan meeshaan ittiin ala irra galu daandiin Itoophiyaa-Jabuutii yeroo baay’eef dhorkameera, mootummichi dadhabuu irraa kan ka’e, eegumsa isaaniif jedhuun qondaaltonni siiviilii fedhii isaanii malee humnaan kaampii waraanaa keessatti ukkaamfaman gochuudhaan, garaagarummaa sivilii fi waraanaa giddu jiru balleessee namoota sivilii golgaa godhatee akka riphee lolaatti sosso’uuf dirqameera.
Utubaan waraanaa aangoo Abiy tiksuu hojii godhate kun humnaan dadhabaa/bittinnaa’aan burkutaa’aa dhufuudhaan maqaa qofatti hafaa jira; yeroo mara deebii kennuu qofaa irratti kan xiyyeeffatu yoo tahu, irra caalaatti ammoo hirkattummaan deeggarsa alaa kan maallaqaa fi kan siyaasaa irratti qabu bal’ataa dhufeera.
Utubaan lammaffaa aangoo Abiy Ahmad; odeeffannoo too’achuu yaaluu, olola babal’isuu, fi seenessa micciruun burjaajii uumuu dha. Miidiyaan ummataa/biyyaa, kittillayyoonni murna aangoo irra jiruun hidhata qaban, akkasumas gareewwan saayibaraa seenessa garee kana fayyadu uumuuf, humnoota mirga sabaaf falmaa irra jiran maqaa balleessuuf, akkasumas yakkoota fi miidhaawwan raawwataman dhoksuuf qindoomina tokko jalatti waliin hojjetu. Uggurri miidiyaa idil-addunyaa bilisaa irratti kaa’uun, interneetii cufuun, tajaajiloonni/waltajjiiwwan toora interneetii daangeffamuun, akkasumas gaazexeessitoonni bilisaa doorsifamuun yookaan hojii gaazexeessummaa bilisa ta’e yakkamaa taasisuun itti fufeera. Akkasumas sochii mormii mirgaaf taasifamu akka sochii fudhatama hin qabneetti yookaan akka alarraa qindaa’eetti fakkeessanii dhiyeessuuf godhamu qaamuma utubaa kanaati.
Tooftaan kun qaama kanaan dura aangoo mootummaa irra tureefillee akka meeshaa aangoo irra ittiin turaniif qooda guddaa qabaaachaa ture. Garuu wanti Abiy Ahmad adda taasisu, sadarkaa kanaan dura takkaa mul’atee hin beekamnetti hojii irra oolchuu fi ifumatti soba tamsaasuu isaati. Mootummaan lakkoofsa loltoota mormitootaa qabaman yookaan ajjeefaman jedhe ofumaa uumee ifatti soba; milishoota matuma isaatiin bobbaase, akkasumas waanuma hin jirre diraamaa qopheessee agarsiisa “harka kennuu” sobaa ofumaa uume, akka dhugaatti waraabee dhiyeessa. Fakkeenyaaf, yeroo dhihoo loltoota “Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kuma afurtama (40,000) ol ajjeeseera” jedhee qaanii tokko malee soba adii kana dipilomaatoota hedduutti beeksisaa ture.
Dabalataan, sirni kun yeroo hunda odeeffannoowwan dinagdee akka guddina, qaala’iinsa jireenyaa, fi gabaasa raawwii dinagdee walii-galaa irratti soba daangaa darbe odeessa. Kunis gama tokkoon tarkaanfii gareen aangoo mootummaa irra jiru ogeessota duraan daataa jiru gabaasaa turan ari’uudhaan sirna hojii mootummaa dadhabsiisuu fudhate irraa madda. Sababa ogeeyyiin siyaasa sirnichaa hin deeggarre hojii irraa ari’amanii kaadireen bakka buufamaniif, fakkeenyaaf Ejensiin Istaatistiksii Giddu-galeessaa bilisummaa ogummaa fakkeessii dur qabullee dhabee jira. Dur daataa sobaa dhiyaatus, sana dhugaa fakkeessuuf dhama’ama. Amma sobni kallattiin qomni dhahamee, itti boonamee gabaafama.
Tooftaaleen kun yeroo tokkoof umrii aangoo Abiy Ahimad dheeressuuf gargaaraniiru ta’a. Har’a garuu daangaa uumamaa isaaniitti dhiyaachaa jiru. Miidiyaaleen biyya keessaa walaba ta’an seenessa isaa akka owwaattuutti harkaa fuudhanii jechuu sana diduun babal’achaa dhufeera. Sagaleen mormitootaa waltajjiilee haaraa argachaa jira. Miidiyaaleen hawaasaa, miidiyaaleen diyaaspooraa, akkasumas sochiin gabaasaa lammiileen taasifamu xaxaa sirnichaa fi waan achi keessatti wal faallessuu saaxiluu itti fufaniiru.
Odeeffannoon keessoo dameewwan nageenyaa fi bulchiinsa naannoo keessaa baʼaa jiru, sirnichi rakkoo walxaxaa fi wal qoodinsa keessoo bal’aa keessa akka jiru ifatti mulʼisa. Yaaliin, cunqursaa sirnichaa akka “haaromsatti”, bulchiinsa badaa akka “magaalaa guddoo miidhagsuutti”, akkasumas itti gaafatamummaan dhabamuun maqaa/qabata “haqa qabeessummaa ceʼumsaa” jedhameeti, jedhanii sobuun kana booda amansiisu. Uummanni biyyattii keessa jiru seesessa kana ifatti didaa kan jiru yoo tahu, sirnicha shakkuu fi amantii irraa dhabuunis biyya keessaa fi alattillee daran dabalaa dhufeera.
Utubaan sadaffaan akka Abiy Ahmed aangoo irra bubbuluun badii dhaqqabsiisuu itti fufu taasisaa jiru, gocha sirnichi ta’e jedhee garaagarumma gama siyaasaa, hawaasummaa, fi eenyummaa sabootaa kan uumamaan jiru babal’isuudhaan hammeessuu yoo tahu, kunis mormitoota faallaa isaa jiran gidduutti tumsi akka hin uumamne gochuuf yaadameeti. Wal-dhabdee tasa uumamu hammeessuun siyaasaaf oolfama. Eenyummaawwan sabaa fi gareelee hawaasaa bifa fedhii siyaasa kan walitti bu’iinsa sirnichi gaggeessuf galtee ta’utti filatamanii kakaafamu. Akkasumas, hawaasa keessatti shakkii fi wal amantii dhabuun itti yaadamee jajjabeeffama.
Adda durummaan, Abiy kan kana godhuuf, gartuuwwaan faallaasaa dhaabbatan gidduutti tumsa tolfachuun rakkisaa akka tahu gochuuf jedheeti. Haalli kunis, sirnichi qooqqoodiinsa ofumaa omishe kanaaf qoricha/dawaa tahuusaa agarsiisuuf akka “tiksituu tokkummaa”tti akka of dhiyeessuuf haala aanjessaaf. Waggootaa darban kana keessatti, yaaliiwwan walitti bu’iinsaa fi haaloo bahannaa marsaalee hedduuf haala akkanaatiin uumameen, bakka heddutti miidhaan gurguddaa dhaqabee ture; hireewwan tumsa siyaasaa kan humnoota saboota adda addaa irraa babahan gidduutti tolfachuuf turan miidhuuf yaaleera.
Yaaliin diigumsaa sirnichaa akkuma jirutti ta’ee, tattaafiin keessoo kan sochii Waraana Bilisummaa Oromoo sochii hooggantoota mormitoota Oromoo ijoo fi humnoota sirnicha keessaa deeggarsa nuu qaban waliin walitti fidnee mooraa Orommo itichuuf taasisaa turre buʼaa gaarii argamsiisaa jira. Fuuldurattis caalaatti jabaatee itti fufa.
Mooraa siyaasaa Oromootiin alattis, humnoota hawwii dimokraasii keenya qooddatan hunda waliin tumsa bu’urri isaa qajeelaa ta’e ijaaruuf kutannoon hin raafamne qabna. Kana malees, murannoo guutuudhaan, humnoota mormitootaa hunda waliin ta’uudhaan ummanni keenya bilisummaa fi tokkummaadhaan hire ofii akka murteessu humneessuu irratti hojjechuu keenya itti fufna.
Bu’uurri bulchiinsa Abiy Ahmad – kan sodaachisanii ukkaamsuu, sobaan burjaajessuu fi mormitoota gargar facaasuu – kana booda akka durii, bakka durii hin jiru. Utubaawwan kooraa badii kunneen burkutaa’oo, dadhaboo, ijibbaatamani hundeen saaxilamanii jiru. Barri fuuldura keenya jiru kun murteessaa dha.
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Amajjii 11, 202

