ONM-ABO Amajjii 16, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Odaa Bulluq keessatti murni faashistii PP gaafa Amajji 12, 2026 hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Darajjee Balaayii fi
- Tafarii Qannoo
jedhaman sababa “deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun mana hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Akka maddeen himanitti namoonni kunneen qonnaan bultoota siyaasa kamirraayyuu walaba ta’anii fi hawaasa naannoo birattillee jaallatamummaa guddaa qaban akka ta’an himuun, hidhattoonni sirnichaa gantoota mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo waliin ta’uun guutummaa jiraattota gandichaa irratti dararaa garaagaraa geggeessaa jiraachuus himaniiru.
Gochawwan dabaa guyyaadhaa gara guyyaatti sirna dhableeyyiin waraana faashistii PP guutummaa Oromiyaa keessatti uummata Oromoo irratti geggeessaa jiran, kan baroota mootummoota abbaa irree kaleessa darban irra daran kan caalu ta’uu kan himan maddeen, yeroo ammaa sababa hidhattoota sirnichaaf uummanni harka duwwaa ba’ee galuun yaaddoo hamaa itti ta’ee jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

