Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lakkoofsa filannoo Yugaandaa irratti Pirezidaantiin amma aangoo irra jiran Museeveeniin dursa cimaa fudhatan

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Filannoo Yugaandaa irratti qondaaltonni lakkoofsa sagalee yeroo gaggeessanitti prezidaant Yoweri Museveni dursa ajajaa qabaachuu isaanii gabaafameera.

Lakkoofsa gara walakkaa buufataalee filannoo irraa argame irratti hundaa’uun, Komishiniin Filannoo Yugaandaa Jimaata kaleessaa akka gabaasetti, bulchaan biyya Giddugaleessa Afrikaa yeroo dheeraaf ture sagalee dhibbeentaa 76.25 argateera.

Gama biraatiin ammoo dorgomaan Museeveenii inni guddaan, urjiin muuziqaa pop kan nama siyaasaa ta’e Boobii Waayin dhibbeentaa 19.85 qofa kaan argate yoo ta’u, akka dhaabni isaanii jedhutti, gabaasaan jeequmsaa mul’achuu waan jalqabeef, hidhaa manaa jala jira.

Sagaleen hafe kaadhimamaa biroo jahaaf qoodamuu isaa Komishiniin Filannoo beeksiseera.

Bara 1986 irraa eegalee aangoo kan qaban Museveniin, ⁠Kamisa darbe sagalee isaanii erga kennanii booda, “yoo gowwoomsaan hin jiraanne” sagalee dhibbeentaa 80 argachuun nin injifadha jedheen eega jechuun gaazexeessitootaaf ibsaniiru. Injifannoon kun hogganaa finciltootaa duraanii kanaaf marsaa torbaffaa aangoo ni kenna.

Maqaan seeraa Roobart Kiyagulaniyi kan qabu Wayiniin, filannoo intarneetii cufamuu jalatti gaggeeffame kana irratti hanni guddaan raawwachuu dhaabbilee idil-addunyaa irraa qeeqa kaase himachuun isaa ni yaadatama.

Paartiin isaanii Waltajjii Tokkummaa Biyyaalessaa (NUP) Kamisa galgala akkaawuntii X isaa irratti akka barreessetti waraanni fi poolisiin mana Waayinii magaalaa guddoo Kaampaalaatti marsanii hidhaa manaa jala galchaniiru”.

Dubbi himaan poolisii Kituumaa Rusoke dhaabbata oduu Rooyitarsiif akka himetti, Wayiniin hidhaa manaa jala galfamuu isaa quba hin qab jechuu isaa Al Jazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version