Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban keessatti waraanni murna maafiyaa PP uummata jumlaan hidhuun dararaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Algee keessatti Amajjii 30, 2026 waraanni gabroomfataa PP maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo abaaruu diddanii mormii dhageessiftan” jedhuun jiraattota jumlaan hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni jedhanitti, guyyaa gaafa Amajjii 30 kaadiroonni fi waraanni sirna Bilxiginnaa uummata kora baasuun “Waraana Bilisummaa Oromoo abaaraa” jechuudhaan uummata dirqamsiisanis uummanni ammoo gariin amantaan keenya akka abaarruuf nuuf hin hayyamu, gariin ammoo maal nu godhaanii isaanis ilmaan keenya jechuun mormii yoo dhageessisan, mormii kana hordofuun uummanni jumlaan qabamee mana dhidhaa sirnichaatti guuramuun hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni dabaluun dubbatu.

Namoota hidhamuun hiraarfamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Haalloo Qochee,
  2. Kaateeloo Duloo,
  3. Oshaa Jibichoo,
  4. Dhaddacha Haroo fi 

kanneen biroon jiraachuu jiraattotni ibsaniiru. 

Ergamtoonni murna maafiyaa PP dantaa isaaniif jiraachuun saba keessaa dhalataniif naasuu akka hin qabaanne isaan taasise, Oromiyaa mara keessa bobbaafamuun ergama gooftaa isaanii hojiirra oolchuuf kufanii ka’anii uummata Oromoo dhabamsiisuu irratti hojjataa jiraachuun isaanii eenyu jalaa dhugaa hin dhokannedha.

Exit mobile version