ONM-ABO Sadaasa 7, 2024
Lola guutummaa impaayerattii keessatti taasifamaa jiruu fi qaala’iinsa jireenyaa mudachaa jiruun, yaaddoo hamaa keessa kan jiru Bilxiginnaan, maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun golee Oromiyaa mara keessatti waraanni inni bobbaase walii galuu dhabuudhaan wayita isaan walitti dhukaasan irra deddeebiin ni mul’ata.
Sadaasa 4, 2024 godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Algee Qarsaa keessatti, waraanni maafiyaa impaayera Itiyoophiyaa rakkoo keessoo isa mudateen walitti dhukaasuun hooggantoonni olaanoo lamaa fi eegdonni isaanii shan walumaa galatti namni torba battalatti yoo du’an hedduun ammoo madaa’uudhaan Hospitaala Nageellee Booranaa keessatti yaalamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti rakkoon akkasii waraana impaayerichaa gidduutti irra deddeebiin akka mudatu himuun, ilmaan Oromoo osoo beekaniis ta’e osoo hin beekin qawwee diinaa baatanii du’a seenaa hin qabne du’aa jiraniif, Waamicha ABO-WBO’n taasisaa jiru kabajanii mooraa sirnichaa ganuun, jireenya mataa isaanii jiraachuu akka qabanis dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dubbatanii jiru.
Qondaaltotni Bilxiginnaa waraana naamusa qabu, kan uummataa fi Itiyoophiyummaan keessatti ifu bara Bilxiginnaa ijaarame jechuun miidiyaaleen afarsanis qabatamaatti garuu jibbiinsa sanyummaa fi goolama siyaasaa mooricha mudachaa jiruun guyyuu balaa keessummeessaa kan oolu ta’uun ni beekama.

