Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boorana Bahaa aanaa Liiban keessatti waraanni Bilxiginnaa leenjii milishummaa didde jechuun nama tokko rasaasaan rukutuun dhaga’ame

ONM-ABO Sadaasa 16, 2025 

Godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban Ganda Hardotii jedhamu keessatti Sadaasa 14, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa obbo Abbush Bariisoo Dooyyoo jedhamu balleessaa tokko malee milishaa nuuf ta’uu didde ittiin jechuun rasaasaan rukutuun madoo ulfaataa irraan gahanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Namni kun qonnaan bulaa hojii dhuunfaa isaa qofarratti bobba’uun jiraatuu fi abbaa maati sadii yoo ta’u, waraanni goolessituun Bilxiginnaa leenjii milishummaa fudhattee miseensa milishaa keenyaa ta’uu didde ittiin jechuun naasuu tokko malee rukutanii madeessuun ibsameera. 

Madoo qaamaa ulfaataa isa irra gaheenis yeroo ammaa gara hospitaala riferaalaa Awaasaatti dabarfamuun yaalamaa kan jiruu fi miidhaan irra qaqqabe cimaa ta’uu hordofee haalli fayyummaa isaas yaaddessaa ta’uus jiraattonni dabaluun eeraniiru. 

Miseensotni waraana murna Bilxiginnaa lola eegumsa teessoo bu’aa nam-tokkoof jecha gammojjii fi baddaa garaagaraa keessatti lubbuun isaanii harkaa harca’aa jiraachuu hordofee muddama hamaa keessa isaan galchuun leenjii waraanaaf uummata dirqamaan qabanii leenjii waraanummaa gahaa malee qoraan ibiddaaf qophaa’ee gochuuf dirqamsiisaa jiru.

Uummanni Oromoo keessaaf alaan diinummaa murni Bilxiginnaa raawwachaa jiru hubachuun karaa miidiyaalee garaagaraatiin dhaamsa waliif dabarsuun carraan tokkichi uummanni Oromoo qabu qabsoo ABO-WBO’n geggeessaa jiru waliin dhaabbachuu qofa akka ta’e dhaamsa Oromummaa waliif dabarsuun sirna nama nyaataa kana ofirraa kaasuun dirqama lammummaa isaa bahachuu qaba.

Exit mobile version