ONM-ABO Hagayya 23, 2024
Waraanni Shiftaa PP Godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Qarsaa Mallee mooraa diinaa Adaraashii jedhamu keessa qubattee jirtu Hagayya 21, 2024 halkan keessaa sa’a 5:30’tti jiraataa ganda Adaadii kan ta’e nama maqaan isaa Muttaa Mujee Boruu jedhamu rasaasaan rukutuun ajjeesan.
Obbo Muttee Mujee harka qalleessa cilee gubee maatii isaa jiraachisuuf tattaafatu yoo ta’u, cilee qopheeffatee magaalaa Nageelleetti fe’atee deemaa osoo jiruu daandii irratti qabanii ajjeesuun barii har’aa sirni awwaalcha isaa uummataan taasifamuun barameera.
Oduuma ajjeechaan wal qabatuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti kaleessa Hagayya 22, 2024 waraanni faashistii PP nama nagaa tokko ajjeesan.
Gareen maafiyaa kun kaleessa ganama toora sa’a 2:00’tti gara magaalaa Gabaa Kamisaatti bobba’uun nama maqaan isaa Ismaa’el Allamiin Baacaa jedhamu rasaasaan rukutuun ajjeesanii deemuun barameera.
Waraanni faashistii PP kun ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatan jabeessuun bakkoota adda addaatti guyyaa guyyaan lubbuu namootaa balleessuun yakka hojjechaa kan oolan yoo ta’u, Shimallisii fi Abiy Ahimed dabalatee qondaaltota isaaniin waraanni dhaabbilee biyya alaa fi keessaan duguugaa sanyiin beekamu kun saalfii malee faarfamaa oolu.

