ONM-ABO Guraandhala 4, 2026
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa bulchiinsa magaalaa Jaangir keessaa loltoonni gara jabeeyyii Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun gara hawaasa Oromootti deebi’anii haaloo ba’achaa kan jiran gaafa Amajji 27, 2026 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Adaanee Tasfaayee Jiraataa,
- Tasfaayee Dachaasaa fi
- Wayyaa Itichaa
jedhaman ukkaamsanii hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni kunneen ONM’f himanitti, Adaanee fi Tasfaayeen daldaltoota magaalaa Jaangir yoo ta’an, Obbo Wayyaan immoo qonnaan bulaa tuttuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam irraa walaba ta’anii osoo jiranii sababa tokko malee maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun yakkamanii kan hidhaman ta’uun baramee jira.
Aanicha guutummaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa hawaasni keessa hin jirre ofiin itti maxxansuun erga yakkanii booda hidhuu, reebuu, saamuu, ajjeesuu fi bakka buutee dhabamsiisuun miidhaa ulfaataa hawaasa meesha maleessa irratti raawwataa kan jiraniidha.

