ONM-ABO Guraandhala 5, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baqqoo Jimaa irraa finxaaleyyiin Amaaraa murnoota Bilxiginnaan hanga funyaaniitti hidhatanii hawaasa Oromoo lafa irraa fixuuf karoorfatan gaafa Amajji 31, 2026 qonnaan bultoota Oromoo maqaan isaanii:
- Abbaas Hasan,
- Ahimad Jamaal,
- Abdii Mahaammad,
- Iskiindir Abdallaa,
- Aliyyii Mahaammadii fi
- qonnaan bultoota gandichaa guutummaa qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Gochaan kun kan yeroo jalqabaa kan hin taanee fi irra deddeebiin raawwachaa ture qaamoleen murna gabroomfataa Bilxiginnaa jiraattota hidhattoota finxaaleyyii Amaaraan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniif birmannaa fi deggersa tokkollee kan hin goone yoo ta’u, jiraattonni kunneen qaama itti iyyatan dhabanii beelaa fi bonaan muka jalatti waadamaa jiraachuun beekamee jira.
Harka bitaa fi mirgaa waliif ta’anii waan danda’an cufaan wal utubuun duula duguuggaa sanyii qindaawaa uummata Oromoo irratti labsanii kan jiran finxaaleyyiin Amaaraa fi murni Bilxiginnaa godinaalee Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessa mandheeffachuun: dhiiga ilmaan Oromoo kumaatamaan dhangalaasuu, haala suukaneessaa ta’een ajjeesuu, ukkaamsuun bakka buutee dhabamsiisuu fi qarshii guddaa gaafachuu, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu fi saamuun dararaa ulfaataa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

