Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finxaaleyyiin Amaaraa godina baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu keessatti, weerara lafaa gaggeessuun lafa qonnaan bultoota Oromoo qotachaa jiru

ONM-ABO Caamsaa 26, 2023

Tumsaa fi deggersa murna bilxiginnaatiin Kan of ijaaran finxaaleyyiin Amaaraa, daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun uummata Oromoo irratti ajjeechaa fi Saamicha raawwachuun, akkasumas Kuma dhibbootaan kan lakkaawwaman qe’eerraa buqqisuun, manaa fi qabeenya hedduus gubanii barbadeessaa jiru.

Haaluma kanaanis godina baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu keessatti lafa qonnaan bultoota Oromoo gandoota aanichaa, finxaaleyyiin Amaaraa humnaan itti bobba’uun qotachaa akka jiranii fi oomisha isaaniittis fayyadamaa jiraachuu maddeen himan.

Finxaaleyyiin Amaaraa Kun gandoota akka Margaa Jireenyaa, Lalistuu Somboo, Baagin, Ganda Caffee Guddinaa, Baddeessaa, Waddeessa Diimaa fi Naccinoo keessatti weerara lafaa geggeessuun, lafa qonnaan bultoota Oromoo meeshaa waraanaa fayyadamuun oomishataa jiraachuu fi qonnaan bultootni Oromoo gandoota kanneeniis lafa qonnaa fi bakka jireenyaa dhabuun rakkachaa jiru.

Exit mobile version