Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa Aminestii: Hanquu, Meeshaa Seenessa Gar-tokkee fi Loogii(Ibsa ABO-WBO)

Miidhaan saala irratti hundaa’e, hawaasa kamuu keessatti yakkoota suukanneessaa ta’an keessaa isa hamaa dha. Miidhaan saalaa, Oromiyaa fi bakkoota biraattis dubartootaa fi shamarran irra gahu kamiyyuu yakka guddaa fi daba haqarratti raawwatamu waan tah’eef; kan ifatti balaaleffatamu, kan qorannoo walabaa irratti godhamuu qabu, akkasumas seeraatti dhiyaachuu qabu dha. Eessatti iyyuu yoo raawwatame; eenyuuniyyuu yoo raawwatame, yakki akkasii jalaa miliquun hin danda’amu. Yakkoota lammiilee nagaa irratti, keessumaa dubartoota irratti raawwataman akkasii, haaluun, sirrummaa isaatiif falmuun ykn xiqqeessanii dhiyeessuun dogongora. Yeroo dheeraaf, miidhaawwan akkasii Oromiyaa keessatti raawwataman dhokfamaa kan turan yoo tahu, gidiraa namoota miidhaman mudatan galmeessuu fi addunyaatti beeksisuuf yaalii dhugaatti taasifamu kamuu ni jajjabeessina.

Haa ta’u malee gabaasni Amnesty International mata duree “No One Came to My Rescue” jedhuun bahe, miidhaa yeroo dheeraaf ture kanaaf xiyyeeffannoo kan kenne tahullee, gadi fageenyaan yoo ilaalamu gabaasa hanqina guddaa qabuu ta’ee mul’ata. Gabaasni kun hanqina akka; mala qorannoo (methodology) dadhabaa kan haqa baasuu hin dandeenye, dogoggora dhugaawwan bu’uuraan kan guutamee fi xiyyeeffannoo qaama tokko qofarratti hunda’erra dhaabbachuun; haala waraana walxaxaa ta’uun beekkamu kana bifa balaa guddaa qabuun akka malee salphisee dhiyeessa. Keessattuu, gabaasichi dhugaa beekamaa ta’eefi qorannoo akkasii keessatti bira darbamuu hin dandeenye, kunis — gareeleen hidhatanii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fakkeeffamanii hojii badii raawwatan jiraachuu, kan qorannoo gareelee bilisaa— kan akka Ze Waashingitan Poosti, fi Rooyitersi, akkasumas Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa motummachillee dabalateen, mirkanaahe dagateera. Shakkamtoonni yakka raawwatan bifa amansiisaa ta’een yoo adda hin baane, itti gaafatamummaa mirkanaassuun hin danda’amu.

Hanqinni kun jiraachuuun garuu gidiraa namoota miidhaa kana keessa darban irra gahe kan xiqqeessu miti. Haqa isaanii yeroo itti argatan in dhufa. Ammaaf, hanqinoota gurguddoo gabaasa Aminastii kana kufaa taasisu akka armaan gadiitti dhiyeessina:

  1. Cubbuu Guddicha: Qaama Yakkicha Raawwate Adda Baasuu Dadhabuu fi “WBO Sobaa” Dagachuu

Hanqinni guddaan gabaasa kanaa qaamni gocha yakkaa kana raawwate eenyu akka ta’e adda baasuu dhabuu isaati. Gabaasa isaa fuula 15 irratti Aminestiin kana ofumaa amanee akkana jedha: “yeroo gabaasichi maxxanfameetti eenyummaan isaanii (namoota yakka raawwatan) mirkanaa’uu hin dandeenye.” Qorannoo yakka hamaa akkanarratti taasifamu keessatti qaamni gochicha raawwate adda baafamee kan hin beekamne yoo ta’e, qorannoon kun xumuramee maxxanfamuu haa hafuutii reefu jalqabme jechuu dha. Qorannoo akkanaa keessatti nama/qaama yakka raawwate adda baasuu yoo hin dandeenye, himannaa dhiyeessitu of harkaa hin qabdu jechuudha (you do not have a case). Keessumaa gabaasa mirga namoomaa yakkoota ‘yakka waraanaatiin’ walqabatu qoratu keessatti, qaama yakka hojjete yoo adda hin baafne, gabaasicha maxxansuun gonkumaa irra hin turre. Gabaasa dheedhii, qorannoon xumuramuu irraa fagoo jiru waan ta’eef. Kana gabaasichumatu ragaa ofirratti baha.

Kana waliin wal qabatee, humni “WBO sobaa” mootummaa Itoophiyaatiin hidhachiifamee qaxaramee sosso’u jiraachuun dhugaa mirkanaa’e. Qorannoon Waashingitan Poosti, gareen farra finciltootaa mootummaa waliin hidhata qabu maqaa WBO fayyadamuun lammiilee nagaa ajjeesaa, yakka sana WBO irratti haqachuun badii gurguddaa hojjachaa ture, kan hidhamaa duraaniitiin (ex-prisoner) hoogganamu fi humnoota mootummaa waliin hidhata qabu, akka jiru ifa godhe. Qorannoo Rooyitarsis, gurmuu — “Koree Nageenyaa” — jedhamu kan qaama mootummaa Oromiyaatiin dhoksaadhaan ijaaramee ajjeechaa seeraan alaa fi hidhaa seeraan alaa ajajaa ture akka jiru saaxile. Qorannoon sun ajjeechaan jila Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatames gurmuu kanaan akka raawwatame ibsee, qondaalonni mootummaa Naannoo Oromiyaa gurmuu yakkaa kana hoogganan, yakki suni fi kaanillee WBO irratti akka qabatamuu/galmeeffamu qajeelfama kennanirraa ka’uun, Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaatis ajjjeechaa san WBO’n akka walqbsiifamu qajeelfama dabarsuu ragaadhaan dhiyeesse. Kanaafi “WBOn sobaa” fi gurmuun yakkaa namoota kana bobbaasu jiraachuun haqa lafa jiruufi qorannoo Oromiyaa keessatti yakkoota waraana waliin wal qabatan keessatti dagatamuu hin qabu kan jennu.

Dabalataan, bu’ura gabaasa Aminestii kanaan, obboloonni keenya miidhaan irra gahe akka jedhanitti, namoonni yakka raawwatan WBO ta’uu isaanii of ibsanii akka turan [fuula 15] ibsa. Kun yakki raawwatame sun WBO sobaa sanaan kan raawwatame ta’uu akeeka. (It is a hallmark of a false flagoperation.) Yakkamtoonni sun yoo dhugumaan WBO ta’an, naannoo keessa socho’an keessatti akkamiin maqaa isaanii himachaa yakka raawwatu? Kana kan gochuu danda’u, qaxarmtoota sirnichaa warra gocha hammeenyaa raawwachuuf qofaa osoo hin taane, yeroo hammeenya kana raawwatani, “nuti WBO dha” jedhanii akka dubbatan ajajamanii. Sababni itti kana godhaniifiis ifaa dha. Miidhamtoonni booda yeroo gaafataman, ‘eenyummaa nama yakka narratti hojjetee nan beeka’ jedhannii akka dubbataniif itti yaadame waan godhame ta’uu akeeka.

Aminestii Internaashinaal, dhimma garee ‘WBO sobaa’ dhugaa akka gaariitti galmaa’e kana moggaatti dhiisuun dogoggora hojjechuu qofa osoo hin taane; gurmuu ajjeechaa mootummaadhaan deeggaramee yakka raawwatu kanallee yakkarraa qulqulleessuudhaan haqa obboloota keenyaa ukkaamsaa jiraachuu agarra. Olola mootummaa, irra-keessa mul’atu qofa akkuma jirutti fudhatanii akka qorannoo mirga namoomaatti dhiheessaa jiraachuu ta’a.

  1. Imaammata Sirnichaa “Galaanicha Gogsuu”: Gabaasa Gocha Badii Sirnichaan Amaname Fudhachuu Hanqate

Gabaasichi dubartoonni buqqifamuu fi manneen gubamuu ibsa malee; gochicha garuu imaammata mootummaa Itoophiyaa ifatti dubbatame waliin wal hin qabsiisu. Hanga yeroo dhiyootti, hoogganaa Paartii Bilxiginnaa Damee Oromiyaa kan ture, Fiqaaduu Tasammaa, ifatti akkana jedhe: “Qurxummicha qabuuf galaanicha gogsuun dirqama.” Kun qajeeltoo bu’uraa farra-riphee lolaa (counter-insurgency doctrine) taheefi mala waraanaa kan uummata nagaa akka bu’uura deggersa WBOtti ilaaluuti. Lammiilee jumlaan buqqisuun, manneen gubuun akkasumas ummata shororkeessuuufi sodaachiisuun kan ummata irratti raawwatamuuf imaammata mootummaa kana hojiitti hiikuuf adabbii ummata WBO deeggara jedhamee yaadamurratti raawwatamu akka tahe beekamaa dha.

Gabaasni Aminestii, buqqa’iinsa kanaaf WBO komachuudhaan, waan qondaalli mootummaa olaanaa tokkoo ifatti amane akkuma jirutti fudhatee, gara himannaa miidhamtootuma sirnichaarratti dhiyaatuutti jijjiiree jira. Xiinxalli seeraa gabaasa kanaa [fuula. 23] irratti, “qabsaa’onni garee hidhate kanaa miidhaa saalaa fayyadamuudhaan kutaa hawaasaa nagaa tokko ari’aa jiru jedhanii yaaduun danda’ama” jedhu kun, imaammanni mootummaa beekkamu kan kaayyoo kana hojiitti hiikuuf bahe ifatti jiraachuu isaatiin kufaa ta’a.

  1. Qorannoo Dadhabaa Kan Dogoggoroota Amanamummaa Gabaasichaa Gaaffii Keessa Galchan

Amanamummaan gabaasa kanaa, dogoggoroota ijoo kan, namni qorannoo gadii fagoo WBO irratti gaggeessuu otoo hin taane, kara-adeemaan illee adda baafachuu danda’u, jalatti kan kufe dha. Keessattuu, dhugaawwan beekamoo tahan ilaalchisee dogoggoroonni bu’uuraa waa’ee dhaabbata himatamaa jiru irratti ta’e qorannoofi gabaasicha gaaffii guddaa keessa galcha. Dogoggorri hammanaa kun wanti agarsiisu, qorannoon kun xiyyeeffannoo gahaa malee akka feeteedhaan akka gaggeeffame, ykn itti yaadamee maddoota mudaa qaban irratti hirkachuun seenessa (narrative) Bilxiginnaa walsimu ijaaruu yaaluu agarsiisa. Fakkeenyonni kana agarsiisan hedduu keessaa:

● “WBO’n ajajoota gurguddoo shan qaba” [fuula 11] – kuni SOBA. WBO’n Oromiyaa guutuu keessatti ajajoota saddeet qaba.

● “Ajajaan Zoonii Dhihaa Jaal Gammachuu Abbooyyee dha” jedha [fuula 11] kunis – SOBA. Jaal Gammachuu Abbooyyee Ajajaa Zoonii Lixaa miti qofa osoo hin taane, ta’ees hin beeku.

● “Ajajni Naannoo Giddugaleessaa… Jaal Jireenyaan hogganamuun gabaafameera” [fuula 11] kunis – SOBA. Ajajni Giddu Galeessaa nama Jaal Jireenyaa jedhamuun hoogganamee hin beeku.

Aminestii Internashinaal baay’ina birkiilee WBO ykn maqaa ajajootaa isaanii, kan kara-adeemaan beekuu danda’u, sirritti gabaasuu yoo dadhabe, namni gabaasa isaa kana dubbisu, dhimmoota qorannoo gadi fagoo barbaadan, yakkoota fi himannaa gabaasicha keessatti hammatame akkamiin fudhachuu dandeenya? Kun dogoggora xinnoo miliqee otoo hin argamin bahe miti; dhimma qorachaa jiran irratti hubannoo bu’uuraa dhabuu kan agarsiisu yoo ta’u, gabaasa kana keessatti “argannoo” ibsaman hundasaanii irratti gaadidduu shakkii kan uume.

  1. Ilaalcha Loogii: Yakkoota Sirnichaa Gugurdaa Xiyyeeffannoo Dhowwachuu

Gabaasni kun WBO qofa irratti xiyyeeffachuudhaan, qaamolee mootummaa waraana Oromiyaa keessatti hirmaatan hunda dhiisuun, qorattoota mirga namoomaa hedduu biratti, waan ajaabi’a guddaa uume. Waraanni Oromiyaa keessa deemaa jiru dhimma gama-tokkee miti; lola gara jabina hamaan gaggeeffamaa jiru kan qooda fudhattoota hedduu hirmaachise yoo ta’u, qaamni mootummaa yakkoota itti gaafatamummaa guddaa kan baatu ta’uu qorannoolee bilisaa hedduun mirkaneessaniiru.

● Qorannoon Mootummoota Gamtoomanii (UN) akka agarsiisutti humnoonni mootummaa (Raayyaa Ittisa Biyyoolessaa Itoophiyaa, poolisii, fi milishoonni sirnicha waliin hidhata qaban) bara 2023 keessa Itoophiyaa keessatti sarbama mirga namoomaa hunda keessaa 70% kan raawwatani yoo ta’u, gareeleen mootummaa ala jiran hundi isaanii walitti ida’amanii 22.3% qofaan himataman. Qoranichi miidhamtoota 7,103 kan hammate ture—‘qorannoo’ Amnestii ammaa kan nama 10 irratti hundaaye waliin gaafa madaalamu, kan UN sun qorannoo bal’aa, sayinsaawaafi gadi fagoo ture.

● Dabalata, qorannoon UN Hagayyaa fi Muddee 2023 gidduutti qofa haleellaa diroonii 18 Raayyaa Ittisa Biyyoolessaa Itoophiyaatiin raawwatameen lubbuun namoota nagaa 248 yoo badu namni 55 madaa’uu, manneen barnootaa fi hospitaalonni barbadaa’uu isaanii galmeessee jira.

● Qorannoowwan biroo UN ICHREEn gaggeeffaman miidhaawwan raawwataman keessatti tarkaanfiin humnoonni sirnichaa fudhatan kan gareelee kaanii hunda akka caalu agarsiisaniiru.

Aminestii Internashinaal dhugaawwan kana ni beeka. Waan nama kamiifuu banaa tahee ifa jiru. Haa tahu malee, qaamota naaannicha keessatti yakkootafi shororkaawwan raawwachuun sadarkaa durarratti beekaman gabaasa kana keessaa hambisuu filateera. Kunimmoo gabaasichi akka gabaasa mirga namoomaatti otoo hin taane akka gabaasa dhimma siyaasaaf baheetti akka fudhatamu taasisa.

  1. Mala Qorannoo: Fageenyarraa Qorachuu fi Himannaawwan hin Mirkanoofne

Qorannoon kun, haala mootummaan qunnamtii hunda cufe keessattii fi bakkoota kana gazeexeessitoonnifi dhahabbileen mirga namoomaa seenuun daangeffame keessatti akka raawwatame ta’uu Aminestiin ni amana [fuula. 11]. Gaaffii fi deebiinillee karaa “appii qunnamtii iccitaa’aa” taheen akka taasifame ibsa [fuula. 8].

Naannoo hordoffiin basaasaa olaanaa fi ololli mootummaa hammaataa ta’e keessatti, bakka humnoonni “WBO Sobaa” yakkootuma ofumaa ajajamanii raawwatan WBO’rratti haqachuuf tattaaffii guddaa godhaa jiran keessatti, bakka yakki itti raawwatame, abbaa yakkichaa, ykn qorannoo forensikiin haala mirkaneessuuf dandeettiin hin jirre keessatti ragaa fagoorraa argamerratti hirkachuun balaa guddaa uuma. Qorannoo rakkoo hammanaa keessatti hojjetamuuf yaalameefi rakkoo hedduu armaan oliitti kaafne irratti hundaa’anii, ‘yakka waraanaa’ muruun immoo kufaatii dabalatati.

Gabaasni kun bu’ura cirrachaa irra dhaabate. Miidhaan miidhamtootaarra gahe dhugaa ta’uu mala jennee amanna. Garuu, gabaasichi miidhamtoota, humnoota WBO fakkeeffamanii bobbaafaman dabalatee, humnoota mootummaa akaakuu hedduun shororkeeffamaamaa fageenyarraa dubbatan irratti hundaa’e. Dhaabbanni mirga namoomaa itti gaafatamummaa xiqqoollee itti dhagahamu tokko silaa dhaabbatee, sadarkaa yakkamaan eenyu akka ta’e “hin mirkanoofne” (kan gabaasichi ofumaa amanu), ibsa baasuurra, dhaabbatee qorannoo gadi fagoo gaggessa. Qooda fakkeessitoota WBO kanneen mootummaan bobbafmanii qorata. Warri Aminestii, garuu faallaa kanaa godhan: mata duree WBO balaaleffatuu fi sirnicha gaafatama yakkaa jala bilisa baasu maxxansuuf ariifatan.

Aminestii Internashinaal gabaasa mata duree (“No One Came to My Rescue”) jedhu sanada of eeggannoon hin qophoofne akkasumas loogii qabu fakkatuu fi ulaagaa qorannoo mirga namoomaa tokko bifa guutuu danda’uun hin qophoofne dha.

Humnoonni “WBO Sobaa” jiraachuun akka gaariitti galmaa’ee otoo jiruu; kana malees, imaammanni mootummichaa mataa isaa “galaana gogsuudhaan qurxummicha qabuu” jedhu cinaatti dhiisuudhaan; caasaa WBO ilaalchisee dhugaawwan baakkee jiranillee otoo adda hin baafatiin; akkasumas ragaa gabaasota gadi fagoo kan UN gabaafaman kan sirnicha yakkoota rawwataman hunda keessaa 70% gaafatamaa taasisan dagachuun, Aminestiin gabaasa mudaa hedduu fi balaa qabu maxxanse.

Gabaasichi, beekaas tahee otoo hin beekiin, sirna lammiilee isaa gudeedu, gurmuu ajjeechaa dhokataa, ‘Koree Nageenyaa’ jedhamu geggeessu, akkasumas guyyaa guyyaan dirooniin namoota nagaa ajjeesu kanaaf haguuggii dippilomaasii kennuuf waan bahe. Akkuma gabaasicha keessatti kaa’ametti, mirga WBO’n akka qooda fudhataa seera-qabeessa waldhabdee hidhannoo kan idil-addunyaa hin taane (non international armed conflict) keessatti hirmaatu tokkootti mirga qorannaa haqaa qabeessa argachuullee qabu irraa mulqa. Hunda caalaa ammoo, miidhaa dubartoota kudhan irra gahe akka meeshaa siyaasaatti itti dhimma bahuudhaan seenessa siyaasaa aangorra jiru tiksuuf dhimma itti baha. Kanaafuu, WBO’n dhiifamni akka gaafatamu, gabaasni kun akka haqamu, akkasumas malli qorannoosaafi itti bahi isaa qaama walabaan of eeggannoodhaan sakatta’amee akka qulqullaa’u gaafata.

  1. Waamicha Qorannoo Walabaa

Waraanni Bilisummaa Oromoo, yakkoota ciccimoo biroo hedduu kanaan dura ittiin maqaan isaa dhahame hedduu irratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu irra deddeebiin waamicha dhiyeessaa ture. Waamichi kunis sirna aangoo Itoophiyaa harkaa qabuu fi deeggartoora isaatiin didamaa fi dagatamaa tureerara.

Amalli baratamaan qorannoo walabaa diduu kun ejjennoo imaammataa waliigalaa sirnichi hordofuun ittii beekamu. Hunda caalaa ammoo sirnichi, Itoophiyaatti, aangoon Komishinii Idil-Addunyaa Ogeessota Mirgoota Namoomaatiif, (UN ICHREE) Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Tokkummaa Mootummoota irraa dhaabbatee ture akka addaan cituuf duula dippilomaasii walirraa hin cinne kan geggeesse yoo ta’u, komishinichi hojii qorannoo isaa gidduutti addaan kutuun akka cufamu taasiseera.

WBO’n ammas, himannaawwan dhiyeenya lixa Oromiyaa walqabatanii dhiyaatan qofa otoo hin taane, rakkooleen kutaalee Oromiyaa hunda keessatti miidhaa dhaqqabsiisan hunda ilaalchisee qorannoo bal’aan ragaarratti hundaa’e qaama walaba ta’een akka gaggeeffamuuf waamicha isaa irra deebi’ee dhiyeessa. Haqa namoota miidhama adda addaa keessa darbanii mirkaneessuu kuni, adeemsa of danda’e, kan iftoomina qabuu fi gochoota qooda fudhattoota waldhabdee keessatti hirmaatan hundaan raawwataman qorachuu danda’u barbaada. Itti gaafatamummaan kan dhugoomu, kabajaa fi mirgi miidhamtootaa tikfamuu kan danda’u bifa kanaan qofa.

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Bitootessa 6, 2026

https://qbo-abo-wbo.org/vid-20260308-wa0039-mp4/
Exit mobile version