Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el hidhamtoota Falasxiin irraan dararaa fi miidhaan  ga’aa jiraachuu gabaasni UN ibse

ONM-ABO Hagayya 1, 2024

Israa’el yeroo waraana Gaazaa keessatti geggeessitu lammiilee Falasxiinota kumaatamaan lakkaa’aman to’annaa jala oolchitee jirtuun, dhimmoota dararaa hedduutiin himatamtamuu fi gochi ishee kun akka dhaabbatu Waajjirri Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii gabaasa haaraa baaseen ibseera.

Gabaasni fuula 23 qabu kun Roobii kaleessaa kan ba’e yoo ta’u, himannaa miidhaa bal’aa hidhamtoota seera malee, yeroo dheeraaf hidhaa keessatti osoo hin qunnamin hidhaman irratti raawwatame ibseera. Israa’el keessatti waldhabdee cimaa uumameen kan maxxanfame yoo ta’u, namoonni siyaasaa fi hiriirtonni warra mirgaa fagoo qorannoo miidhaa saalaa loltoonni hidhamtoota irratti raawwatan jedhame mormaniiru.

Adda durummaan gaaffii fi deebii hidhamtoota gad lakkifamanii fi miidhamtoota biroo waliin Onkoloolessa 7 hanga Waxabajjii 30tti taasifame irratti hundaa’uun gabaasni UN kun erga waraanni kun jalqabee hojjetoota yaalaa dabalatee ”Lammiileen Falasxiinota kumaatamaan lakkaa’aman” ”Gaazaa irraa gara Israa’elitti yeroo baayyee hidhamanii fi ija isaanii cufamanii” geffamaniiru jedha gabaasni UN kun.

Dhuma baatii Waxabajjiitti tajaajilli mana hidhaa Israa’el “hidhamtoota nageenyaa” 9,400 ol kan qabate ta’uu gabaasichi kan ibsu yoo ta’u, namoonni hidhaman “dhoksaan, sababni hidhamuu isaanii osoo hin kennamin” fi abukaatoo malee akka turan ibseera.

“Yoo xiqqaate hidhamtoonni Falasxiin 53” bakka tursiisaa Israa’el keessatti du’uun isaanii beekamadha jedheera. Akkasumas “himannaa dararaa fi gosoota gara jabeenyaa, namummaa hin qabnee fi salphina kan biroo, miidhaa saalaa dubartootaa fi dhiirota irratti raawwataman dabalatee” bal’inaan ibseera.

Israa’el hiree namoota hidhamtootaa ilaalchisee odeeffannoo kennuun kan hin dandeenye yoo ta’u, Fannoo Diimaan manneen hidhaa fi bakkeewwan biroo akka hin seenne dhorkameera jechuun gabaasa UN baase Aljezeeraan gabaaseera.

Exit mobile version