Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasni miidiyaalee Israa’el waliigaltee hidhamtoota wal jijjiiruu, Hamas waliin dhukaasa dhaabuu lamaan isaanii iyyuu itti dhihaachaa jiru jedha

ONM-ABO Amajjii 14, 2025 

Miidiyaaleen Israa’el Wiixata kaleessaa akka gabaasanitti, waliigaltee Hamas waliin hidhamtoota wal jijjiiruu fi xumura duguuggaa sanyii Falasxiinota Gaazaa keessatti deemaa jiru irratti mari’achuuf dhihaachaa jiruu jedhan.

Maddeen Israa’el Chaanaalii 12 wabeeffatan akka jedhanitti: “Waliigaltee namoota booji’amtoota gadhiisuuf bal’inaan irratti waliigalameera, amma deebii dhumaa Hamaas irraa ni eegganna” jedhu.

Hamaas gabaasawwan kana irratti yaada hin kennine, garuu gareen kun akkaataa idileetti duguuggaa sanyii akka dhaabbatuu fi humnoonni Israa’el Gaazaa keessaa akka ba’an gaaffii isaa irra deebi’ee ibsa.

Chaanaalichi waliigalteen yaadame kun karoora Kaabinee Nageenyaa Israa’el Caamsaa darbe kaa’e waliin wal fakkaata jedheera.

Waliigaltichi sadarkaa sadarkaan kan raawwatamu ta’a: hidhamtoota Falasxiinotaa booji’amtoota Israa’el jijjiiruuf gadhiisuu, gargaarsa namoomaa Gaazaaf kennuu, buqqaatota gara kaaba Gaazaatti deebisuu, ijaarsa deebi’anii jalqabuu fi qaxxaamurri daangaa deebi’ee banamuu ture.

Waliigaltichi Israa’el Giddugaleessa Gaazaa keessatti Koridoorii Netzarim keessaa bahuu fi iddoowwan waraanaa Israa’el diiguu kan yaadame yoo ta’u, mala loltoonni Falasxiin hidhatanii gara kaaba Gaazaatti akka hin deebine dhorku of keessaa qaba.

Haa ta’u malee, sanadni kun Koridoorii Filadelfii kan Gaazaa fi Masrii adda baasu, ykn Israa’el keessaa ba’uu fi dhiisuu ishee hin eerre jedhameera.

Miidiyaan biraa akka gabaasetti Israa’elii fi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa keessatti taasifamuu danda’uuf dhiyaachaa jiru, kunis booji’amtoota Israa’el 33 “marsaa jalqabaa” hanga guyyoota 42 turuu danda’uun gadhiisuu kan dabalatu ta’a.

Marsaan jalqabaa naannoo nageenyaa hin ibsamneen alatti, waraanni Israa’el suuta suutaan Gaazaa keessaa bahuu dabalatee hidhamtoonni Israa’el 33 akka gadhiifaman kan hayyamu ta’uu Jerusalem Post gabaaseera.

Maddeen akka jedhanitti: “Guyyaa 16ffaa dhukaasa dhaabuu, mariin marsaa itti aanan jijjiirraa hidhamtootaaf ni jalqaba, kunis booji’amtoota hunda gadhiisuu fi waraana Israa’el dabalataan ba’uu furuuf kan kaayyeffate ta’a.”jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Exit mobile version