ONM-ABO Bitootessa 11, 2026
Godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Daamuu Dhimbiibbaa iddoo addaa Dhimbiibbaa jedhamu keessatti Bitootessa 8, 2026 loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Biraanuu Abarraa jedhamu nama tuttuqqaa siyaasaa kamiyyuu hin qabne sababa inni Oromoo ta’e qofaaf Oromummaa isaan yakkanii mana isaa keessaa gadi baasuun ajjeesanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namni kun nama hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabuu fi hojii isaa qofa hojjachuun beekamu kan hawaasni hundi isa jaallatu akkasumas, waldhabdee nama tokko irraa kan hin qabne ta’uu jiraattonni himuun namoonni gandicha keessa jiraatanis du’a nama qulqulluu kanaatti gadda guddaan guutamanii jiraachuu dubbatu.
Oduu biroon ammoo, godinichuma aanaa Asakoo magaalaa Dhalata Caffaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Hassan Godaanaa Waaqoo jedhamu jalaa mana qorqorroo balbala 4 ykn singoo 42 qabu diiguun maatii isaa waliin bakkeetti hambisuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qaamni mana nama kanaa irratti diige milishaa fi riphee lolaa impaayerichaa yoo ta’u, afaan qawween sodaachisanii mana isaa irratti diiganii deemuus jiraattonni ibsaniiru.
Namni kun nama nagaan jireenya isaa gaggeessu yoo ta’u, loltootni kunneen dhufaniima mana isaa diiguu malee sababa manni isaa diigamuufis kan itti hin himne ta’uu fi yeroo ammaa kana maatiin isaa iddoo itti goran wallaaluun rakataa jiraachuu jiraattonni dabalun ifoomsaniiru.

