ONM-ABO Bitootessa 28, 2026
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 keessatti rakkoo ergamtoonni Bilxiginnaa uumaniin jiraattonni hanqina bishaan dhugaatiin rakkataa jiraachuun himame.
Jiraattonni magaalichaa ONM dubbise, “bishaan argataa hin jirru. Yoo baay’ate torbanitti tokko dhufa. Torban lamattis ni dhufa. Gaafuma dhufeyyuu, halkan malee guyyaa hin dhufu. Haalli kun immoo madda bishaanii qulqullina hin qabne akka dhugnuuf nu saaxileera. Namoonni hedduun dhukkuboota qulqullina dhabuu bishaaniin walqabatanii dhufaniin miidhamaa jiru” jedhu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa hoggaa waa’ee bishaanii gaafataman dhugaa hawaasaa dhoksuuf, “sababa ”kooridarii fi babal’ina magaalaan ujummoon bishaanii adda cite” jedhanii hawaasa gowwomsuu malee, rakkoo bishaan dhugaatii jiraattotaaf furaa kan hin jirre ta’uu gabaasni ONM dhaqqabe ni addeessa.
Ganda 04 malees gandoota magaalicha keessatti argaman mara keessatti rakkoon bishaanii jiraattota kan mudate yoo ta’u, uffata miiccachuu fi nyaata bilcheeffachuun bishaan qulqullina hin qabne kan konkolaataa fardaan harkifamuun baadiyaa fagoo irraa dhufu bitanii itti fayyadamaa jiru.
Ergamtoonni murna gabroomfataa PP, maallaqa sabbata haadha hiyyeessaa irraa hiikamee fi gibira humnaa olii dabalatee kaffaltii gosa adda addaa hawaasa irraa guurame giiphii isaanii keessa galfachuun, magaalaa Naqamtee daandii qofa irra keessa bareechanii ittiin bu’aa siyaasaa argachuuf fuula miidiyaalee dhuunfaa isaanii irratti maxxansaa kan turanii fi jiran, faallaa isaa immoo magaalaa seena qabeettii fi giddu gala daldalaa Lixa Oromiyaa taate, bishaan dhugaatii irraa kutuun hiraarsaa jiru.

