Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Cawwaaqaa keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun manneen uummata gubuu fi saamicha geggeessuun himame

ONM-ABO Bitootessa 30, 2026

Bitootessa 28, 2026 godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Caamman iddoo Burqaa jedhamtutti waraanni faashistii Bilxiginnaa kanneen barcuma aangoo nam-tokkee tiksuuf halkanii fi guyyaa ifaajan, maqaa sakkatta’aa WBOtiin bobba’uun manneen jiraattootaa maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun mana sadii (3) qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma kanaan namoonni manneen isaanii maqaa ilmaan keessantu WBO ‘ti jedhuun jalaa gubate:

  1. Ibraahim Yusuuf,
  2. Kadir Umarishoo,
  3. Guutee Umar kanneen jedhaman ta’uun beekamee jira.

Akka maddeen jedhanitti, godinacha aanolee gara garaa keessatti torbee kana maqaa WBO’tiin gubaatii manneenii, saamicha qabeenyaa fi ajjeechaan jabaatee jiraachuu fi hawaasni bahee galuuf yaaddoo akkasumas qe’ee fi qabeenya isaa irraa baqataa jiraachuu dubbatu.

Murni faashistii Bilxiginnaa goleewwaan Oromiyaa cufa keessatti, lolaan WBO injifachuu wayita dadhabu uummata harka duwwaatti ol’ deebi’uun, maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun namoota nagaa hidhaatti dararuu, achi buutee dhabamsiisuu fi ajjeechaa suukanneessaa garaa garaa raawwataa jiraachuun ragaan kan mul’atudha.

Exit mobile version