Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar itti Buttaan Migira Bakkee humna ittisa Uummataa leenjisaa ture eebbisiise

Godina Lixa Shaggar itti Buttaan Migira Bakkee humna ittisa Uummataa leenjisaa ture eebbisiise.

( ONM-ABO  Guraandhala 19,2022 )

Oromoon wabiin jireenya isaa harka isaa akka jiruu hubachuun waraanni bilisummaa Oromoo meesha diina irra hiike uummata Oromootti hidhaa kan jiru yoo ta’u bu’uuruma kanaan  Buttaan Migira Bakkee humna ittisa uummataa  leenjisaa ture guraandhala 18, 2022 eebbisiisee jira.

Humni ittisa uummataa kun nageenyaa fi tasgabbii uummata naannoo eegu cinaatti qaama fi caasaa garboonfataa kamiyyuu ofirraa rukutuu danda’a.  

Eebba humna ittisaa kana irratti kan argaman hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo fi miseensa koree Hojii raawwachiistuu ABO-WBO  Jaal Sanyiin ergaa dabarsaniin uummatni Oromoo waggaa 150 garbummaa jalatti kufee dhiibba hamaa jala kan gale afaan qawweeni jedhaniiru.
Impaayeera  kana hundeeffama ishee irraa kaase rakkoo hamaan kan ijaaramtee fi rakkoon rakkoo dabaluun mootummoota impaayera itoopiyaa kukuffisaa, sadarkaa  ofiin diigamuu fi dhodho’aa jiru irra ga’eera; cubbuu saboota biyya kana irra ga’etu Itoophiyaa nyaacha jiras jedhan.

Shirri imimmaan haadha Oromoo, dhiiga qeerroo fi qarree, qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo maqaa ijoolle abbaa gadaatiin takaaluuf ture, dhiiga ilmaan Oromoo WBO’n akka fashale himan.
Yakkamtoonni maqaa ijoolle abbaa gadaan aangoo biyya kanaa dhuunfatan saalfii tokko malee sagantaa fi karoora ilmaan nafxanyaa ifaan ifatti paartii PP hundeessuun uummatatti gad bahan.
Gochaa isaanii kana dhoksuuf akka waan WBO’n tplf waliin wal ta’etti, hidhannaa TPLFn gumaachituufiti hololaa jiru; kana ammoo isin uummata oromoo caalaa WBO  kan beeku hin jiru.
Meesha kan fuune isinirra; kan itti hidhaa jirrus ilmaan keessanii fi isinumatti . Kanas kan goonuuf qabeenyi Oromoo Oromoof oolu qaba ejjannaa jedhu waan qabnuufi jedhan.

Addunyaa kana irratti biyyi fi sabni kabaja qabu kan qawwee qabuu fi ofirraa loluu danda’udha. Nutis waggoota darban kana yeroo isinis diinnis dhagaa fi bungulloo nutti guura turtan ciniinnannee  kanaaf itti hafne; sadarkaa kanaanis ga’uu dandeenye.
Guyyaa har’aa qabsoo Oromoo uummata oromoo hunda hirmaachisa jira. Akka Oromootti falli tokkichi nuti qabnu  wal taane diina keenya ofirraa loluudha. Waanti nuti lolluufis biyyaaf waan taheef biyya keessaniif osoo loltanii yoo duutan kabajaa jedhan. Yoo tokko taane lolle, barri kun bara ijifannooti Jaal Sanyii Nagaasaa eebbicha irratti dubbataniiru.

Har’a warri humna ittisa uummataa taatanii barnoota xumurtanii irbuu seentan baga geessan. Baay’ee dubbachuurra baay’e hojjechuutu caala. Kabajni keenya hidhannaa keenya harka jira , haa hidhannu haa lollu. Akkuma gidduu kana dhaadattan, aadaa, seenaa, biyya keenyaaf waardiyyaa haqaa ta’uu qabna, wareegama barbaachisus haa kanfallu, Oromoon seena isaa keessatti yeroo takka inni qabeenya namaaf kosii hormaa irratti lolee hin beeku,roorroo qe’ee fi kosii ofiirratti dhuftemmo abbaatu dhoowwata, kanaaf immoo WBO isin cinaa jira yeroo kamiyyuu qophiin taa’aa.

Dhuma irratti warreen biyya keessan gurgurtan, maallaqaan bitamtan, ergama diina fudhattanii deemtan,qabeenya namaa saama isiniin hin jenne qabeenya keessan biyya keessan tikfadhaa isiniin jenne warreen aanaa, godinaa fi isaa oli jiranuu yoo ta’e isaaniis Oromoo yoo ta’an waanuma dubbanne itti nuu hima, nuti dhimma Oromoo fi Oromummaa irratti isaan waliin haasaa waanti nu dhoowwu hin jiru, waanti nuuf isaan addaan oofu umurii isaanii guutuu namaa ergamuu, waan Oromoo dubbachuu dadhabuu isaaniiti.
Diinaaf yeroo tokko OPDO, ODP amma immoo PP ta’uun akka gaararraa jijjiiramaa ooluu isaaniiti. Akkasii mitii, saba keessaniif dhaabbadhaa, yoo akkas gootan WBO isin waliin hojjechuuf qophiidha. Kan biroon haga fedhe jabaatan iyyuu  kana booda uummata Oromoo afaan qawweenan bitaa yoo jedhe akka hin dandeenye itti himan.

Miseensi humna ittisa uummata guyyaa kana eebbifame yaada kenneen leenjii fudhatanitti gammadoo tahuu isaanii ibsuun sirna nama nyaata impaayera Itoophiyaa kana afaan qawween ofirra kuffisuu qabna jechuun uummatni oromoo tokko taane hidhannee garbummaa kanatti xumura gochuu qabna jechuun dhaammataniiru. 

Miseensi koree zoonii fi abbaan jaarmiyaa buttaa sanaa ergaa dabarsaniin impaayeerri Itoophiyaa 150 ture keessatti gaaffiin karaa nagaa gaafatamus deebiin isaa afaan qawwee ta’uu ibsuun bilisummaa afaan qawween akka irraa mulqame hubachuun kanas afaan qawwee qofaan akka  deebifatu waan amaneef nus guyyaa har’aa humna ittisaa hagana baayyatu aanaa kanatti leenji kennuun qabsoof qopheessineerra jedhan.
Kaayyoon leenjii kanaas sirna saamichaa, ajjeechaa fi garbummaa hundeedhaan buqqisuun Oromiyaa walabaa ijaarru keessati uummata hunda hirmaachisuudha jechuun impaayera afaan qawween Oromoo dararaa turee fi jiru maqaa ijoolle abbaa gadaatiin aangoo qabatee  abbootii gadaayyuu ajjeesa akka jiru uummatni keenya hubatee kanaaf falli jiru qawwee qofa tahuu erga itti amane hawaasa bal’aa marayyuu qawween akka barbaachisu hubachiisuu qaban. 

Qawwee male fala hin qabnu; uummata qawwee qabutu nagaas, kabajas qaba. Kana hubannee uummatni keenya cufti meesha qabu leenjii fudhatee hidhatee falma finiinsuu qaba jechuun dhaamsa qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif himaniiru.

Exit mobile version