Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni sirna faashistii PP godina Gujii lixaa ona Bulee Horaa keessatti ilmaan Oromoo 7 yoo ajjeesu 4 ammoo madeessee

Waraanni sirna faashistii PP godina Gujii lixaa ona Bulee Horaa keessatti ilmaan Oromoo 7 yoo ajjeesu 4 ammoo madeessee.

(ONM-ABO Bitootessa 29,2022)

Waraanni koloneel Abiy Ahimed lubbuun ilmaan Oromoo isa hin mararre bakkoota bobbaa’an maratti namoota nagaa rasaasa itti roobsuun ajjeesaa fi madeessaa jiru. Haala kanaanis kaleessa Bitootessa 28, 2022 godina Gujii lixaa ona Bulee Horaa ganda Yaabaa Siree keessatti tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo gandicha keessatti irratti fudhateen qawwee qawween deebisuu dadhabuun uummata meesha maleeyyii 7 bakka tokkotti ajjeechaa sukkanneessaa irratti yoo raawwatan sadii ammoo rasaasumaan madeessaniiru.

Namootni ajjeefaman torban Dhaddachaa Busee Ushoo Qilxaa Aagaa Muudaa Ji’oo Shuxxee namootni arfan olii maatii tokko yoo ta’an Ayyalaa Daakuu Taaddasa Irbaa Goobanaa Boruu namoota torban gara jabeenyaan maatii arfan albeen qalanii ajjeesuun warra sadii biroo ammoo bireeniin rukutanii obbaafachiisuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ajjeechaa sukkanneessaa raawwatan malee namoot afur maqaan isaanii Horoo Busee Badhaasoo Sallie Girmaa Adoolaa Taammana Doggee jedhaman ammoo rasaasaan rukuchuun madeessaniiru. Akka jiraattoonni jedhanitti namoota sagalee dhukaasaa dhaga’anii waraana mootummaa PP baqachaa turanitti dhukaasaa waan turaniif baay’inni namoota du’anii fi madaa’anii dabaluu danda’a jechuu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Exit mobile version