Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo afur rasaasaan rukuchuun ajjeesan

Godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo afur rasaasaan rukuchuun ajjeesan.

ONM-ABO Fulbaana 27, 2022 Erga Abiy Ahimed aangoo siyaasa impaayerattiitti ol ba’ee imimmaan haadholii Oromoo qooree hin beeku.

Murni hammeenyummaan guutamuun guyya guyyaatti ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa jiru kun Fulbaana 25,2022 sa’a 11:30 irratti qeerrowwan afur godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa ganda Gaalessa Nageessoo keessatti badii tokko malee rasaasaan rukuchuun lubbuu hobbaasaan.

Qeerroowwan Oromoo kunneen maqaan isaanii 1 Qom’ooraa Teen’aa Jiloo daa’ima ganna 15 Kateeloo Duubee Shukee dargaggoo ganna 22 yoo ta’u kanneen hafan lamaan ammmoo maqaan nu hin ga’in jira

Tarkaanfii sukkanneessaa kana kan fudhatan waraana abaaramaa PP ona Qarcaa ganda Gaalessa Dibbisaa maadheefatanii jiran ta’uu jiraattootni ibsuun reeffi osoo achii hin ka’in guyyaa lama buluu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version