Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ibsa QBO – Burjaajiin Maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromootiin adeemsifamu kamuu fudhatama hin qabu; darbees Farra Qabsoo Uummata Oromooti

Burjaajiin Maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromootiin adeemsifamu kamuu fudhatama hin qabu; darbees Farra Qabsoo Uummata Oromooti.

(Ibsa QBO Caamsaa 18, 2022)

Qabsoon Bilisummaa Oromoo manii isaa ga’uuf yeroo sa’aatileen muraasni hafan kanatti murnoonni garaagaraa maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo maxxanfachuun burjaajii uumuu yaadan hedduudha. Kaleessa Qeerroon Bilisummaa Oromoo jijjiirama argamee booddessitootaan butame fiduu keessatti qooda ifaa kan qabu yoo ta’u; ammas qabatamaatti caasaa sirnaa diriirfatee, Hooggansa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO jalatti dirqama qabsoon irraa eegdu kamiyyuu bahataa jira. Kanas kora Hoogganootaa fi Qondaalota Olaanoo Mooraa Qabsoo Oromoo Taliigaa jiran faana taasiseen Qeerroon Bilisummaa Oromoo Burjaajii tokko malee itti waamamni isaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO akka ta’u ifatti Sadaasa 08, 2021 irraa egalee murteeffatee haga guyyaa har’aattis kallattii sanaan taliigamee deemaa kan jiruudha.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti dirqamaa fi gaafatama dhaabni isaa itti kenne sirnaan bahachaa kan jiru yoo ta’u; quba qabeenya hooggansa Olaanaatiin alatti Ibsas ta’e hojiin hojjetamu kamuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan bakka hin buune, akkasumas burjaajii uumuun Qabsoo Qeerroon geggeessaa jiru gufachiisuuf akka ta’e hubachiisna.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsi inni baasu Karaa Qophii Sagalee Qeerroo Kamisaa fi Dilbata galgala akka Impaayera Itiyoophiyaatti sa’a 1:00 haga 1:30 tti darbu akkasumas Karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Marsariitii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootiin Uummata Oromoo mara dhaqqaba.

Qaamonni akka Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa baasetti fakkeessanii burjaajii mul’ataa fi dhokataa karaa Miidiyaalee Idilee fi al-idileen taasisanis gocha isaanii farrummaa kanarraa akka of qusatan dhaamaa, yeroo kanatti dirqamaa fi kallattii Waraanni Bilisummaa Oromoo kennu hunda hojiirra oolchuun diina Oromiyaa weeraruuf nu ajjeesaa, dararaa fi buqqaatiif Uummata keenya saaxilaa jiru dura haadhaabbannu jenna.

Qaamota fira qabsoo fakkaatanii Burjaajii kana uumuuf hojjetan yoo gocha isaanii farrummaa kanarraa hin dhaabannes saaxillee Uummata Oromoof akka beeksifnu asumaan waadaa galla.

Maayii irratti Qeerroon keenya kan duraa caalaa cimee hojii eegalee jiru itti fufsiisuun diina hundeen buqqisee Oromiyaa Walaboomte Uummata isaa akka badhaasu gadi jabeessinee dhaamna.

Injifannoon Uummata Oromoof.

Caamsaa 18, 2022

Finfinnee, Oromiyaa

Exit mobile version