Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni sirna PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti walitti dhukaasuun nama sadii wal irraa ajjeesan

Waraanni sirna PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti walitti dhukaasuun nama sadii wal irraa ajjeesan.

( ONM-ABO Caamsaa 29,2022 )

Kaleessa Caamsaa 27,2022 lixa Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti waraanni sirna PP maqaa sakattaa Faannoo jedhuun bakka addaa Jawaajaa jedhutti bobbaafaman miseensoota Faannoo kanaan dura mootummaan PP faayidaa siyaasaaf hidhachiiseetti dhukaasa yoo banan miseensootni raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhan kanneen biroon ammoo maaliif itti dhukaastuun walitti dhukaasuun wal irraa ajjeesan.

Akka kanaanis miseensi waraana jalqaba Faannootti dhukaase hogganaa waraanaa sabaan Amaara ta’een yoo ajjeefamu miseensi biroon ammoo hogganicha ajjeese.

Waraanni kaayyoo hin qabne saammuu badii koloneel Abiy Ahimediin qajeelfaman kun tarkaanfii wal irratti fudhachuu itti fufuun isa hoggana ajjeese, ajjeesuun wal ajjeesuu dhaabuun dhukaasa walitti banan kanaan reeffa waraana isaanii sadii fudhatanii of duuba deebi’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Mootummaan sirna PP siyaasa uummata Oromoo dadhabsiisuu fi waraanni bilisummaa Oromoo dura akkuma mootummaan Dargii Adda bilisa baasaa Sudaan kibbaa dura dhaabee ture, Abiy Ahimediis Faannoo dura dhaabuuf hojjechaa ture booda irra akka fedhetti dantaa siyaasaa irraa argachuu dadhabuu deebisanii wal adamsuuf dirqamaa jiraachuun ni hubatama.

Haa ta’u malee haala murni PP olaantummaa Amaaraan raayyaa ittisa biyyaa ijaaree fi siyaasaa geggeessaa jiran qaamni mootummaa abbummaa ijaarsa Faannoo diigee xumuru akka hin jirree fi mootummichi xiyyeeffatee kan itti fufu yoo ta’e isaanumti wal dura dhaabbachuu akka danda’an keessa beektotni ni dubbatu.

Exit mobile version