Humnootni finxaaleyyii Amaaraa godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jaardagaa Jaartee keessatti ilmaan Oromoo sadii ajjeesan.
( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )
Murni maafi’aa PP qabsoo uummata Oromoo duubatti deebisuu fi Waraanaa Bilisummaa Oromoo dura humna biroo dhaabuuf piroojektii Faannoo jedhuu qindeessuun Oromiyaa keessatti bobbaasaniin humni kun bakkoota garaagaraatti lubbuu ilmaan Oromoon badii tokko malee rasaasaan obbaasaa jira.
Haaluma kanaan Caamsaa 30,2022 godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jaardagaa Jaartee ganda Daargee Kotichaa keessatti namoota sadii ajjeesan.
Namootni ganama kaleessaa toora sa’a 1:00 irratti ajjeefaman kunis Biraanuu Xilahuun Galataa umrii 55, aadde Akiimii Hinsarmu Kitilaa umrii 45 haadha warraa maanguddoo Biraanuu fi Sanyii Rattaa Gadafaa daa’ima umrii 12 ti.
Ajjeechaa ganda Daargee Kotichaa keessatti humnootni finxaaleyyii murna PP deggeramanii hidhannoo guuttatanii sochaa’aan raawwatanii cinaatti namoota hedduu jiraa qabanii fuudhanii akka deemanii fi hanga ammaatti mootummaan sirna PP Faannoon hidhannoo haa hiikkatu jedhee miidiyaa oo’isaa ture godina Horroo Guduruu keessatti tarkaanfii fudhatee tokkollee akka hin qabne jiraattootni ona Jaardagaa Jaartee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

