Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Oolmaa gabaasa Tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jaardagaa Jaartee

Oolmaa gabaasa Tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jaardagaa Jaartee.

ONM-ABO Fulbaana 22, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii guggubduu waraana weerartuu PP irratti godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaalaa aanichaa seenuun fudhateen diina harceesee meeshaalee waraanaa hedduu booji’ee jira.

Lola ganama har’aa Fulbaana 22, 2022 magaalaa Jaartee fi Jaardagaa keessatti waraana tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irratti banameen waraana diinaa 65 ajjeesuun 45 madeesseera.

Qawwee AKM 107, Bireenii 2, rasaasa bireenii saanduqa tokko, rasaasa kilaashii hedduu, hidhannoo waraanaa fi meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa hiikkatee jira.

Waraanni faashistii kun magaalaa keessaa duubatti siquun lola kana bulchitee humna dabalataa Naqamtee fi Shaambuu irraa eeggachaa turanis jajjabeen itti cabsee loluun kuusaa meeshaa fi waajjira poolisii aanichaa cabsuun hidhamtoota siyaasaas gadhiisiseera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga walabummaatti itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version