Humnootni finxaaleyyii Amaaraa Amaaraa mootummaa maafi’aa PPn deggeramaa jiran godina baha Wallaggaa ona Kiiramuu keessatti nama lama ajjeesuun tokko irratti gocha sukkanneessaa raawwatan.
( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )
Murni faashistii PP akkuma aangoo siyaasaa qabateen sabboonummaan Oromoo gandatti deebise jechuun leellistoota sirna durii of jala hiriirsuun Itoophiyummaa leellisuu eegalee humnootni finxaaleyyii Amaaraa mootummaa cinaa hiriiruun ajjeechaa, saamichaa fi qe’ee irraa ilmaan Oromoo buqqisuu itti fufanii jiru.
Lixa Oromiyaa godina baha Wallaggaa ona Kiiramuu ganda Booqaa bakka addaa Laftiin jedhamu keessatti Caamsaa 29,2022 ganama barii toora sa’a 12:00 irratti hidhattootni Amaaraa Faannoo jedhaman harmoolii Oromoo sadii irratti tarkaanfii fudhachuun lama battalatti yoo ajjeesan tokko du’aa jiraa gidduutti dhiisanii biraa deeman.
Harmootiin Oromoo humnoota badii kanaan guyyaa dheengaddaa tarkaanfiin irratti fudhatamee ajjeefaman kunneen Nacciituu Wayyessaa Bali’isii fi Magarsee Toleraa Garbaa yoo ta’u, kan arrabaa fi harma irraa muruun lubbuun hafte ammoo Bokoree Ayyaansaa Garbaa kan jedhamtuu dha.
Aaddee Bokoree Ayyaansaa yeroo ammaa miidhaa irra qaqqabeen hospitaala Naqamteetti argamti.
Lubbuun hanga ammatti keessa jiraatuus miidhaan ishee irratti qaqqabe kan nama saalfachiisu, Oromoo xiqqeessuu fi madaa jaarraa tokkoon duraa kan bara Minilik Aanolee irratti raawwate sana nama yaadachiisuun daran akka Oromoon of qopheessuu akka qabu kan akeeku ta’uu jiraataan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Kiiramuu irraa dubbise tokko gochicha balaaleffachuun haala kanaan ibseera.

