Lixa Shaggar Aanaa Ilfataa keessatti saamichi ulfaataan uummata irra gaa’amaa jira.
( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )
Duula qindaa’aa jechuun uummata Oromoo saamaa fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu irratti kan bobba’e waraanni faashistoonni koloneel Abiy Ahmed duula kana keessatti uummata saamu akkuma itti fufetti jira.
Caamsaa 29,2022 lixa Shaggar aanaa Ilfataa ganda Dirree Bareedaatti eegdonni teessoo Abiy fi dabballootni isaa qabeenya uummataa saamuun kaabinee fi dabballoota isaanii magaala aanaa maadheffataniif qooduuf fuudhanii deeman.
Saamicha geggeessan kanaan mana obboo Abbooshaa Kabbadaatii midhaan Kumtaala 40, mana obbo misgaanaa kabbadaatii kumtaala 50, mana obboo Abdashoo Abdiitti keessaa kumtaala 30 kan fe’atan yoo ta’u midhaan kana cufaa harrootaa fi fardeen uummataa karaa irra qabuun lafa konkolaataatti fe’uun gara magaala aanaatti geessan.
Dabballoota magaalaa aanaa midhaan waraana bilisummaa Oromoo isiniif fidne dhaqaatii karaatti itti adeema irraa fuudhaa jechuun saamicha hamaa qabeenya uummataa irratti geggeessaa turuu odeessi maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Ilfataa irraa nu qaqqabe ni addeessa.

